Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lakkoobsii Baqattoota Yukreen Dabalaa Jira: UNHCR 


Namoota Yukireeni keessaa godaanan biyya Slovaakiyaa erga seenanii booda, Bitotessa 5, 2022
Namoota Yukireeni keessaa godaanan biyya Slovaakiyaa erga seenanii booda, Bitotessa 5, 2022

Lammiwwan Yukreen kanneen Wal waraansa biyya isaanii keessaa dheessuun daangaa biyya ollaa taate Poolaand dhaqqabaa jiran,wiixata har’a lakkobsaan hedduu ta’uun ibsamee jira.

Kanneen dheessan kun lakkobsii isaanii Dilbata kaleessaa Miliyoona tokkoo fi tuqaa shan ga’u Tokkummaa motummootaatti, Komishinarri olaanaan kan waa’ee baqattootaa Filiippoo Graandee ibsanii jiru.

Kiyeev biyyonni gama dhiyaa ugguura Raashaa irra ka’an akka jabeessan akkasumas, meeshaa waraanaa dabalataan akka Yukreeniif kennan gaafata yeroo jirtu kanatti, Kanneen gara Poolaanditti qajeelaa jiran Miliyoona tokko akka caaluuf jiru ni eegama jedhan.

Hawaasnii Yukreen kanneen Poolaand keessa jiraatan gara Miliyoona 1.5 ta’uun lakkoobsaan kutaa sana keessatti guddaa akkasumas, biyyattiin bakka itti dheessan gudditti ta’u agarsiisa.Kana malees lammiwwan Yukreen kanneen baqataa jiran, nagaa isaaniif jecha, sloovaak, Hangaarii fi Romaaniyaa gama kaabaa seenaa jiru.

Mootummonni naannoo, jaarmayoonni kan mootummaa hin ta’iin (NGO) n akkasumas kaampaanileen dhunfaa gargaarsa bifa qindaa’een Yukreen keessa haala itti seenuu dand’auu caalaatti gaggeessuuf akka danda’anti, poolaand karoora baasaa jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG