Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lamileen Keeniyaa 29 Eega  Butamanii Fudhatamanii Booda Bakki Isaan Jiran Dhabamuu Gareeleen Mirga Namoomaa Gabaasan


Lamileen Keeniyaa 29 Eega  Butamanii Fudhatamanii Booda Bakki Isaan Jiran Dhabamuu Gareeleen Mirga Namoomaa Gabaasan
Lamileen Keeniyaa 29 Eega  Butamanii Fudhatamanii Booda Bakki Isaan Jiran Dhabamuu Gareeleen Mirga Namoomaa Gabaasan

Ji’a Waxabajjii bara 2024 mormii uummataa keeniyaa keessatti taasifamaa tureen walqabatee namoottan umnaan qabamanii fudhataman 82 keessaa namoottan 29 ammayyuu bakka buuteen isaanii akka hin beekamne komishiniin mirga namoomaa biyyalessaa keeniyaa galmeessee jira.

Namoottan guyyaa saafaa butamanii fudhataman keessaa obbolaan lamman Aslaam Loongitoon fi obboleesii isaa Jamiil magaala Kitengeelaa jedhamuu keessaa namoottan meeshaa waraanaa hidhataniin ergaa qabamanii fudhatamanii booda guyyoottan 32 bakka hin beekamnetti hidhamanii akka gadi dhisaman sagalee Amerikaatti himanii jiru.

Dhaabbanni mirga namoomaatiif falmu Aminestii internaashinaalii fi komishiniin mirga namoomaa biyaalessaa Keeniyaa obbolaan lamman kun hidhamuu isaanii mirkaneesanii, wantii isaan irratti raawwate waan namoottan butamanii fudhataman biro irratti raawwateen wal fakkataa ta’uu isaa ibsaniiru.

Qabamanii fudhatamuu namoottan kannattin walqabatee namoottan heduun Poolisootaa mootummaa himatanus amma ammaatti eenyyu akka gochichaa raawwataa jiru addaan bahee hin beekamne.

Dhaabbileen miraga namoomaa umnoottan nageenyaa mootummaa mormitoota irratti, tarkaanfii hamaa fudhachuu isaanii kan ibsan yemmuu ta’u, poolisoonni garuu himanna kana haalaniiru. Sochii mormii sana sababeefachuudhaan gareewwan saamichaaf of ijaaran yakka raawwachaa akka turan, raga qabachuu isaanii poolisoonii biyyatti ibsaniiru.

Prezidaantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo sochii namoottan butanii fudhachuu balaaleffatanii umnoottan nageenyaa mootummaas ta’an, gareewan biroo yakka akkanaa raawataniiruu taanaan qorannoon irrati taasifamee seerratti dhihaachuu akka qaban ji’a Muddee darbe keessa ibsuun isaanii gabaasameera.

Mormii ji’a Waxabajjii Keeniyaa keessatti taasifameen wal qabatee, namoottan 60 ta’an du’anii kaneen dhibaan lakkaawaman hidhamuun isaanii ni beekama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG