Shiiftaa galaana irraati kan jedhame lammiin Somaaliyaa Abduuwaalii Musee hidhaa waggaaa soddomii sadii fi baatii sagaliin akka adabamu,abbaan murtii Federaalaa kan Neew yoork irratti murtessanii jiran.Museen
Galaana Hindii keessatti donii fe'umsaa butuun, Kaapteenii donichaa iggite jedhamun himatame.Kana malees yeroo ka biraa doonilee lama butaman sana keessaa harka qaba jedhamuun himatii dabalataa irratti dhiyaate.
Abootiin alangaa hidhaa waggaa 35niin akka adabamuuf kan gaafatan yoo ta'u, abukaatoon musee immoo hidhaa waggaa 27 gaafatan.Baatii Ebla bara 2009 doonii alaabaa Yunaaytiid Steetes fannifatte " Maersk Alabama " naanoo somaaliyaatii yeroo butamte,Museetu shiiftoota ka biroo hogganaa ture jedhama.
Humni galaanaa kan Yunaaytiid Steetes tarkaanfii yeroo sana fudhateen shiftoota galaana irraati kan ittiin jedhe sadii ajjeesee Musee hidhuun kaapiteenii donichaa kan turan lammii Amerikaa Richaard Fiiliips gadhisisuun isaa ni yaadatama.
Gabaasaa guutuu MP 3 tuquun dhaggefadhaa