Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiileen Indooneezhiyaa Maayinamaartti Waaltalee Gowwoomsaa Keessatti Hojjechiisamaa Turan Gad-lakkisamanii Biyya Ofiitti Deebisaman


Lammiileen Indooneezhiyaa Maayinamaartti Waaltalee Gowwoomsaa danqaman gad dhiisamaanii gara biyya isaaniitti deebi'aa jiru.
Lammiileen Indooneezhiyaa Maayinamaartti Waaltalee Gowwoomsaa danqaman gad dhiisamaanii gara biyya isaaniitti deebi'aa jiru.

Lamiileen Indooneezhiyaa Maaynaamar keessatti Waaltaalee gowwoomsaa keessaa hojjechaa turan karaa Taayilaandiin gadhiisifamuun Kamisa har’aa gara biyya isaaniitti deebifamaniiru.

Kibba baha Maayinaamar magaalaa Mayaawaadaay keessatti lammiileen Indooneezhiyaa kanneen baay’inni isaanii 80 ol ta’an toora intrneetii fayyadamuun gidduu galoota gowwoomsaa keessaa hojjechaa turan karaa Taayilaandiin Kamisa har’aa gara biyya isaaniitti akka deebifaman taasiifameera. Gidduu galonni gowwoomsaa kunneen namoota yakkaamtoota fi lammiilee biyyoota alaan kan hoogganaman toora inteerneetii fayyadamuun guutummaa addunyaa irratti hojii goyyoomsuu kan hojjetan yommuu ta’u namoonni achi keessa hojjetan namoota seerana ala nama deeddbbisaniin hojiif jedhamuun goyyoomsamanii erga achi ga’anii humnaan namoota kanneen kana hojjechiisus jedhameera.

Namoonni kunneen jalqaba hojii kaffaltii guddaa qabuun akka waadaan galamuufii kan himan erga Paaspoortiin isaanii irraa fuudhamee akka booji’amtootaatti akka hojjetan himaniiru.

Mootummaan Taayilaandi namoota kana gadhiisiisaa aka jiruu fi biyoota irraa dhufanitti deebisaa akka jiru ibsus miseensa seera tumtootaa kan paartii mormituu Taayilaandi Raangismaan Rom akka jedhetti gidduu galoota goyyoomsaa Maaynaamar keessatti namoonni hanga 300,000 ta’an hojjechaa jiru kanneen keessaa immoo kanneen gadhiisifamaniiran Kuma kudhanii gadi jechuun himeera.

Gidduu galoonni goyyoomsaa kan karaa Inteerneetiin taasiifaman waggoota dhiyoo sa guuttuu biyyoota kibba bahaa Eeshiiyaa keessatti babbal’achaa kan jiran yommuu ta’u biyyoota akka Kamboodiyaa fi Fiilliippiinsi dabalateeti . Kunis waggaatti maallaaqa doolaara Ameerikaa Biiliyoonaan lakkaa’amu buusuu danda’ama kan jedhuunidha.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:52 0:00
More
XS
SM
MD
LG