Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiileen Sudaan Kibbaa Miliyoonii Torbaa ol Hanqina Nyaataaf Saaxilamuun Gabaasame


FAAYILII - Namoota bakka nyaanni itti rabsamu deeman Kibba Suudan, Sudaan, Guraandhala 22, 2019.
FAAYILII - Namoota bakka nyaanni itti rabsamu deeman Kibba Suudan, Sudaan, Guraandhala 22, 2019.

Dhaabbata mootumoota gamtoomaniitti jaarmiyaan Nyaataa fi Qotiinsaa ykn FAO gabaasinni baasee akka jedhutti, yeroo ammaa kanaa jalqabee amma ji’a Adoolessaatti jiraattonni Sudaan kibbaa beelaa hamaadhaaf saaxilamuuf adeemaa jiru.

Dhaabbanni mootumoota gamtoomanii Room keessa maandhefate FAOn akka dabalee gabaasetti, namoottan miiliyoonii Torba kana keessaa kanneen kuma 79 ta’an hanqina nyaataa lubbuu isaaniitiif bala qabeesa ta’e keessa seenanii jiru.

Isaan keessaa kuma 11 kan ta’an kutaa biyyatti Piiboor keessatti kan argaman yemmuu ta’u, kuma 40 kan ta’an immoo kutaa Kaaba Bahir el Ghazaal keessatti argamu. Kumnii 28 immoo walwaraansa biyyaa ollaa Sudaan keessatti taasifamaa jiru baqatanii kutaalee Sudaan kibbaa gara garaa keessatti kanneen qubatanii jiranuudha.

Qaala’insii jireenyaa yeroodhaa yerootti dabalaa deeme, hanqinaa omishaa midhaan nyaataa, balaa lolaa bishaanii fi waltti bu’insii gosaalee gidduutti raawwatamaa jiru beelaa kanaaf sababa ta’uu isaa gabaasinni FAO kun dabalee ibseera.

Biyyi ulaa galaanaa hin qabnee Sudaan kibbaa walwaraansa Sudaan Kaabaa keessatii itti fufee jiruun kan ka’ee sararrii deddebisii gara buufata dooniitti geessu waan cufameef omishaa boba’aa ishee gara gabaa adduunyaatti erguu dadhabuun ishee sababa rakkina diinagdee biyyaatii ta’uun isaa gabaasamee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG