Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Lammiin Ameerikaa Turkii Keessatti Hidhame Diplomaatii Miti Jette


Paaspoortii Ameerikaa (Suuraa faayilii)
Paaspoortii Ameerikaa (Suuraa faayilii)

Namni angawoota Turkiin diplomaatii Yunaayitid Isteetis jedhamuun ibsamee fi paaspoortii sobaa gurguraa ture jedhame dipolomaatii miti jechuu dhaan Yunaayitid Isteetis beeksistee jirti.

Dubbi himaan ministrii dhimma alaa roobii kaleessaa ibsa kennaniin, Turkii keessatti lammiin Ameerikaa tokko to’annaa jala ooluu isaa quba qabna. Namni kun dipolomaatii miti. Nuti tajaajila qoonsilaa sirii ta’e kennaa jirra jedhan.

Poolisiin Istaanbul akka jedhetti namni kun sadaasa 11 to’annaa jala kan oole, lammii Siiriyaatti passport waan gurgureef jedha. Namni kun dolaarri kummi $10,00 poostaa keessatti harkatti argamuu isaaf ennaa isaan huccuu wal jijjiiran kaameraa dhaan argamuu dubbataniiru.

Angawoonni Turkii maqaa D.J.K jedhu kan qabuuf embasii Yunaayitid Isteetis kan Beeruut keessaa kan hojjetu ta’uu adda baafatan.

Lammiin Siiriyaa sunis Passportii sana fayyadamuu dhaan gara Jarmaniitti balal’uuf ennaa yaalu to’annaa jala ooluun gaaffiif dhiyaachuu isaa dhaabbati oduu mootummaa Turkii Anadooluun gabaasee jira.

Hariiroon Yunaayitid Isteetsii fi Turkii erga waggoota dhiyoo as laaffataa dhufe, kanaafis sababaan tokko Ankaraan miseensota hojii diplomaasummaa Yunaayitid Isteetis fonqolcha mootummaa Turkii kan bara 2016ttii hidhata qabu jechuun hidhuu isaa ti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG