Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiin Hidda Dhalata Eertraa Yakka Seeraan Ala Nama Deddeebisuun Himatame To’annaa Jala Oole


FAAYILII - Godaantota Afrikaa Liibiyaa naannoo magaala Tripoliitti hohhii guyyaa barbaadatan, Bitootessa 6, 2021
FAAYILII - Godaantota Afrikaa Liibiyaa naannoo magaala Tripoliitti hohhii guyyaa barbaadatan, Bitootessa 6, 2021

Kan poolisii Nezerlaandiin yeroo hedduuf hordofamaa kan turee fi yakka namoota seeraan ala deddeebisuu raawwataa kan ture Joon Habtaa ykn Habtuu interpoolii Keeniyaa waliin tal ta’uu dhaan toran darbe to’annaa jala oolee jira. Hidda dhalata Eertraa kan ta’eef lammummaa Nezerlaand kan qabu akkasumas Biriteen keessaa qabeenyaa kan qabu Joon, mana murtii Nezerlaandsiin bakka hin jiraannetti himatame.

Sagantaa raadiyoo hojjetaa kan turteef baqattootaaf falmaa kan turte lammiin Swidinii hidda dhalata Eertraa Meeroon Isxifaanos VOA sagantaa Afaan Tigreef akka ibsitetti hidhamuun nama kanaa hiika guddaa qabaachuu ibsitee, namoota seeraan ala nama deddeebisanii fi kanneen dararaa dhaqqabsiisuu dhaan biyyoota walaba keessa deddeebi’aniif ergaa guddaa dabarsa jettee jirti.

Akka Meeroon jettutti, Joon lammiiwwan Eertraa gara Ameerikaa ykn Awrooppaattin isin erga jechuu dhaan tokko tokkoon isaanii irraa doolaara $20.000 kan fudhatu yoo ta’u, karaa Filippiin, Maleesiyaa, Singaapoorii fi biyyootii Asia keessatti gatee deebia’a.

Meeroon akka jetetti, Joon mana murtii Nezerlaandsiin balleessaan itti muramus, ennaa bakka inni hin jirre hin beekamnetti sababaa rakkoo seeraan kan ka’e waggoottan shanan darbaniif tokkummaa Emireetota Arabaa fi Afriikaa keessa jiraataa ture. Wal ta’iinsa Interpol Keeniyaa fi Nezerlaandiif fi glati haa ta’uutii amma Keeniyaa keessatti qabamee gara Nezerlaandsitti ergamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG