Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiin Ertraa Dorgommii Biskileetaa Injiifate 


Biniyaam Girmaay dorgommii biskileetii Kibxata darbe geggeefame akkuma injifateen

Lammiin Ertraa Biniyaam Girmaay dorgommii biskileetii xaaliyaanii keessatti Kibxata dabree gaggeeffameen injifachuun gurraacha Afrikaa isa duraa ta’e jira.Gammachuu seena qabeessa kana ayyaaneeffachuuf Beniyaam qaaruuraa waan dhugamuu qabuu lafa irra dhaabee gad jechuun ennaa banuu qadaaddii futta’ee ba’e ija isaa bitaa rukuchuun ibsamee jira.

Doktoroonni akka jedhanti ija isaa bitaa keessaan dhiigi ni mul’ata.Gareen wal’ansa fayyaa fi garee sportii biraa gorsii Beniyaamiif kenname dorgommii kana irratti hirmaachuu akka hin qabne itti himan. Sababiin isaas madaan isa mudatee karaa sirrii yaalamaa kan jiru ta’uus, sochii muddamsa qabu gaggeessuun daran haala ija isaa hammeessa jedhamee jira.

XS
SM
MD
LG