Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiin Itiyoophiyaa Xayyaara Keessatti Waa’ee Boombii Qoosuu Isaatiin Keeniyaatti Hidhaan Itti Murame


Lammiin Itiyoophiyaa xayyaara irratti waa’ee boombii qoosee Keeniyaa keessatti har’a hidhaan adabamuun isaa beekamee jira. Cifraayee Kebbedee Beqqelee ka jedhamu dhalatni Itiyoophiyaa kun xayyaara Keeniyaa gara Afriikaa Kibbaa balali’uuf ture keessatti waa’ee boombii waan qooseef jecha, balaliin addacitee ture jedhama.

Eebla 17, bara 2019 xiyyaara buufata idil addunyaa keeniyaa Joomoo Keeniyaattaa gara Afriikaa kibbaa balali’aa ture irratti ‘boombii’ jecha jedhu qoosee qabame- Cifiraayeen.‘Qoosaa kana hiriyaa isaa akkasumas warra xiyyaara keessaa nama keessummeessan duuka qoosuu isaa abbaan alangaa mootummaa keeniyaa himata irratti baneen dhaddachaaf ibseera. Kanaanis seera Siiviil aviyeeshinii biyyattii jeeqee himati jedhu irratti banamee ji’a afran darban kana qorannaan irratti taasifamaa ture.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:20 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG