Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiiwwan Keeniyaa Kaampaanii Chaayinaatiif Hojjatan Gidirfamaa Jiraachuu Himatan


Hojjetoonni lammiwwan Keeniyaa, kaampaaniilee Chaayinaatiin akka gidirfamaa jirna kan iyyataa jiran yyoo tahu, mootummaan Keeniyaa immoo, gochaa sana komachuu irraa hojii kaanppaanileen Chaayinaa biyyattii keessatti hojjetan akka dinqiifachuu qaban hubachgiisan.

Kaampaanii Chaayinaa, hadiida baaburaa Naayiroobii fi Mombaasaa gittuu diriirsu keessaa kanneen hojjetan – lammiwwan Keeniyaa, “loogii fi cunqursaa tu nu irratti geggeessamaa jira” jechuudhaan iyyataa jiran.

Eega dhiheenya kanaa tii, Sabaa-himaaleen Keeniyaa, yeroo hojjetoonni Keeniya cunqursaman – keessumaa hojjetoonni hagi tokko akka karaadhaan lafa irra ciisan ennaa taasisaman agarsiisaa turan.

Gochaalee kana irratti akka tarkaanfii fudhatu ka dubbate – mootummaan Keeniyaa, gama biraatiin garuu, amala hojjetoonni sun agarsiisan ilaalcha keessa galchuun barbaachisaa akka tahe dubbatan.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG