Lammilee Ertraa Finfinnee keessa jiran kanneen daahannaa gaafatan bulchiinsa naannoo Afaar keessa qubachiisuuf karoorfachuu isaa, dhaabbatti tajaajiila godaantootaa fi kanneen godaansaa deebi’anii beeksisee jira.
Dhaabbata kana keessatti Daayreekteera dhimma kunuunsa godaantootaa kan ta’an Obbo Dhaabaa Lammeessaa sagalee Amerikaaf akka ibsanti, bulchiinsa naannoo Afaar bakka Ab’alaa jedhamu keessatti, bakkii keessa buufatan filatamuu ibsanii kanas qopheessuuf dahaaba baqattootaa kan Tokkummaa Mootummootaa (UNHCR) biraa bajatnii eegamaa jira jedhan.
Kanneen paasportii Ertraa qabatanii karaa seeraan alaa Itiyoophiyaa seenuun daahannaa gaafatan garu, dura tajaajiila Immigreesginii fi lammummaa waliin ta’uun hojiin qulqulleeffachuu erga gaggeeffamee booda galmeessina jedhan.
Warri karaa bulchiinsa naannoo Tigraay seenanii daahannaa kanneen gaafatan, achuumatti simatanii hojii galmeessuu fiqubachisuu gaggeessuf waajiira Shiree keessa ture hojii jalqabsisuuf Akeekamuu fi ramaddiin hojjattootaa jalqabamuu Obbo Dhaabaa Lammeessaa ibsaniiru.
UNHCR gama isaan torban dabree ibsa baaseen, lammiwwan Ertraa kanneen daahannaa gaafataniif eegumsii akka godhamu gaafatee kanaaf immoo namoota gaaffii daahaannaa dhiyeessan galmeessuun barbaachisaa ta’u ibsee jira.
Komiishinni mira namoomaa kan Itiyoophiyaa gama isaan, lammiwwan Ertraa daahannaa gaafataa jiran hidhaaf saaxilamuu isaanii ibsee, balaan biyyaa arii’amuuf saaxilamaniiru jedha.
Lammiwwan Ertraa Finfinnee keessa jiraatan fi gaaffii daahannaa dhiyeessan kun, galmee deggersa seeraa qabu qabaachuu Dhaba isaanii irraa hidhaaf saaxilamuu isaanis sagalee Amerikaaf ibsaniiru jechuun, Gabra Mikaa’el Gabra Medhin Finfinnee irraa gabaasee jira.
Forum