Walwaraansii Sudaan keessatti taasifamaa jiru mooraa baqatoota lammiiwwan Ityyophiyaa keessa qubatanitti dhihaachaa dufuun isaa akka isaan yaaddeese bulchaan mootummaa yeroo naannoo Tigraay ibasan. Obbo Geetacheewu Radda kaleessa akka fuula Fees Bookii isaanii irratti ibsanitti, walwaraansii gareewwan Sudaan gidduutti taasifamaa jiru gara mooraa baqatootaa Tigraay keessa buqa’anii fi baqatootaa Ityoophiyaa keessa garas dhaqaniitti dhihaachaa jira.
Baqatoonni Tigraay kumaatamaan lakkawamani fi sudaan keessa qubatanii jiran haala gargaarsa namoomaa hamaa ta’e keessa akka jiran kan ibsan oboo Geetachoon, yeroo amma quubsamaawwan baqatootaa, baha suudaan keesaa jiran Tenedbaa fi Umiraakuubaa jedhamanuutti lolli gareewaan waraanaa sudaan gidduutti taasifamuu yeroo kamiinuu caalaa dhihaachaa adeemaa jira. Oboo Geetaacheewu Radda ibsa isaanii kana keessatti qamooleen dhimma naanichaa keessatti qoodaa fudhachaa jiran fi hawaasinii adduunyaa, wareen wal waraanaa jiranuu akka lola dhaabanuu fi haala nageenyaa siviilotaas akka mirkaneessuu danda’an dhiibaa akka taasisan gaafatanii jiru.
Obbo Gettachoon mootummaa feederaala Itiyoophiyaatiif waamichaa dhiheesaniin wantii barbaachisaa ta’e hundi taasifamee rakkonn baqatootaa haala furamuu qabu irratti akka hojachuu qabu gaafataniiru. Dhimma kana irratti baqattoonii akka maqaan isaanii hin dhahamne gaafatan akka sagalee Amerikaati dubbatan lolli biyyatti keesatti taasigfamaa jiru gara mooraa isaaniitti dhihaachaa jiraachuu isaa mirkaneesanii jiru.
Baqatoota kana gara biyyatti deebisuudhaaf mootumma Itiyoophiyaa koree dhaabuudhaan akka hojjachaa jiru dubbi himaan ministerra dhimaa alaa Ityoophiyaa Nabiyuu Tadilaa ibsu isaanii fi yeroo amma lammileen Ityoophiyaa kuma 60 ta’an Sudaan keessa qubatanii akka jiran ibsamuu isaa Geberemikaa’el Gebremediihin gabaasee jira.
Forum