Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammileen Kooriyaa Kibbaa Mufannaa Isaanii Ibsuuf Hiriira Bahan


Miseensota paartii mormituu hiriirabahan, Kooriyaa Kibbaa, Muddee 4, 2024.
Miseensota paartii mormituu hiriirabahan, Kooriyaa Kibbaa, Muddee 4, 2024.

Prezidaantiin Koriyaa Kibbaa seera waraanaa hojii irra olchuu erga yaalanii booda Lammiileen biyyatti Roobii har’a daandilee irratti hiriiruun mufannaa guddaa qaban ibsanii jiru. Kunis yaaliin seera waraanaa kaa’uuf godhan fashalaa’uun dimokiraasii socho’aa jiru keessatti aarii fi mufannaa uume.

Waldaaleen hojjettootaa hojii dhaabiinsa mormii waliigalaa waamuun mormitoonni immoo prezidaantiin biyyatti Yoon aangoo gadhiisuun himannaa hokkaraa akka irratti banamu gaafatan yoo tau daandiileen Seool guyyaa guutuu mormitootaa fi poolisiin kan guutame ture. Mana Maree Biyyaalessaa, bakka sa'aatii muraasa dura seera tumtoonni labsii seera waraanaa Yoon dhorkuuf sagalee kennanii booda waajira sana biratti uummanni abbaa alangaa duraanii kan yaada irratti cichitootaa ta’an irratti dheekkamsa qabaniin tokko ta'aniiru.

Gochi mootummaa kun "Fonqolcha ofii isaa fi haadha warraa isaa eeguuf yaadame ture," jechuun namni tokko iyye . Halkan hirriba dhabuun Yoon guddina dimokiraasii waggoota kurna lamaan darbaniif ture duubatti deebisuuf yaalaa jiru jechuun sodaatanii hiriirtonni mallattoo dadhabbii muraasa qabaatanis mallattoo halluu adda addaa qabu mirmirsaa, faaruu biyyoolessaa Kooriyaa Kibbaa faarfatan.

Nama siyaasaa mormituu kan ta’an Choo Yoon ''gantummaa, fincila waraanaa fi tumaalee heera mootummaa fi seeraa cabsuudhaan fonqolcha mootummaa yaale'' jechuun prezidaantii biyyatti himatan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG