Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiwwan Somaaliyaa Nyaata Barbaacha Gara Keniyaatti Godaanaa Jiru


FAAYILII - Baqattoota Somaalee buufata Dadaab keessaatti, Hagayya 7, 2011.
FAAYILII - Baqattoota Somaalee buufata Dadaab keessaatti, Hagayya 7, 2011.

Somaaliyaa keessatti caamaa fi beelli ammaan dura argamee hin beekne, uummata kumaatamaan lakkaa’aman gargaarsa argachuuf jecha gara biyya ollaa taatee Keeniyaatti akka baqatan taasisaa jira. Gareeleen gargaarsaa akka jedhanitti, baqattoonni mooraa Dadaab kan Keeniyaa keessatti baay’achuun isaanii qabeenya kaampii Sanaa kan duraanuu akka malee namaan guutame jiru daran hanqiise.

Raahoo Aliin reefu Somaaliyaa irraa ijoollee ishee afur waliin naannoo daangaa Keeniyaa kaabaa magaalaa Dadaab keessa kan jiru dhaaba baqattootaa kan Tokkummaaa Mootummootaa (UNHCR) dhaqqabde

Haati ijoollee torbaa fi kan umriin 45 kun akka jettuutti, caamnii hamaan Somaaliyaa mudate akka isheen baqattee gargaarsa barbaacha gara Keeniyaatti akka deemtu ishee kakaasuu isaa dubbatti.

Ijoolleen ishee sadii imala hamaa kana irra osoo jiranii haleellaa qawwee isaan irratti banameen eessa butee isaanii kan dhabde yoo ta’u, ammallee bakka isaan jiran hin arganne.

Namoota sababaa caamaan keniyaatti haaraa godaanaa jiran kuma kurna hedduu keessaa haatii ijoollee kun tokko.UNHCR baatilee isaan dhiyeenya kanaaa keessa namoota kuma 80 galmeessuu isaa dubbata.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG