Haala amma Sudaan keessa jiru jalaa baqachuun kanneen gara biyya ollaa taatee Chaad dhaqqaban fimachuuf qophaa’aa jira jechuun Chaad tti daayreektarri dhaabatichaa ibsanii jiru.
Lammiileen Sudaan kuma 10 hanga kuma 20 ta’an lola Kaartuum fi naannolee biyyattii biroo keessatti erga jalqabee torban tokko guutee booda, daangaa ce’anii gara Chaaditti galaniiru.
Dabalataan ni dhufu jennee eegaa jirra, sun mirkanaa'aadha.Kunis carraan nageenyaa yoo argameen ta’u fi Magaalonni gurguddoon daangaatti dhihoon waan jiraniif kanneen achi jiran socho'uu hin dandeenye, jedhan" Piyeer Honnorat, Chaad tti itti gaafatamaan sagantaa nyaata addunyaa Jimaata darbe Rooyitarsiif ibsaniiru.
Honnorat itti dabaluudhaan akka jedhanitti, lakkoobsii baqattoota Sudaan haaraa dhufaa jiran kun, kanneen ammaan duras sababa walitti bu’iinsaa gara Chaad seenaan kuma 400 kan geesisee yoo ta’u, naannoo daangaa Chaaditti mooraa 14 keessatti faca’anii jiru.
"Sagantaan Nyaata Addunyaa yoo xiqqaate namoota kuma 100 simachuuf qophaa'uuf jira. Kana caalaas ta’u mala, kanaaf qophaa'uu qabna," jedhan Honnorat.
Itti dabaluunis, guyyoota darban keessa kanneen gandoota daangaa irra jiran irraa warri dhufan irra caalaan isaanii dubartootaa fi daa’imman akka ta’an himaniiru.
Forum