Xurree ittiin seenan

Breaking News

Laviiv Misaa’eelaan Haleelamte


Gamoo misaa'eelaan dhahame yeroo ogeessotaan sakatta'amu, Laviiv, Yukireen, Ebla 18, 2022.

Haleellaan Misaa’eelaa magaala Laviiv rukuteen yoo xiqqaate namnii 6 ajjeefamuu aangawoonni Yukreen gama dhiyaa ibsanii jiru. Kunis weerara Raashaan yeroo baatii lama guutuuf jedhu keessatti hokkara hamaa dhaqqabee keessaa eega miliqxee booda.

Bulchaan kutaa Laviiv Maksiim Kozystiky akka jedhanti misaa’eelli sadii naannoo caasaan waraanaa jiru kan rukuute yoo ta’u inni hafee tokko immo mana Gommaa dhohee itti suphan rukutee.

Yukreen bakka hafeetti walitti bu’iinsii jiru keessaa siviiloota baasuuf yaaliin ta’u guyyoota walitti aanan lammataaf wiixata har’as dhaabatee jira.

XS
SM
MD
LG