Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoota Leenjii Fudhatanii Naannoo Keenya Jeequuf Bobba’an 30 Qabanne, Jedha Mootummaan Naannoo Gaambeell


Magaalaa Gambeelaa

Biiroon Dhimma Nageenyaa fi Tasgabbii naannoo Gaambeellaa, namoota yaaddoo nageenyaa tahuu malu jechuun shakke 30 qabee qorachaa ka jiru tahuu beeksise.

Hoogganaan biiroo kanaa Obbo Toomaas Tuut ibsa VOAf kennaniin, “Namoota qabamanii qoratamaa jiran keessa miseensota Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT), Adda Bilisummaa Gaambeellaa fi ‘ABO Shanee’ akka tahanitti kanneen shakkaman tu jira” jedhan.

Obbo Toomaas “Amma Gaambeellaa keessa haala nagaa jiraatullee, mootummaan rafuu hin qabu” jedhu.

Gurmuuwwan mootummaan naannoo Gaambeellaa himate kunneen irraa deebii argachuuf bilbilaan quunnamuu yaallee ammaaf hin milkoofne. Naakoor Malkaa tu gabaase.

Gabaasa Dhimma Gambeelaa Caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:17 0:00




Yaadawwan Ilaali (2)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG