Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jireenya Murtii Du'a Boodaa


Umurii ofii irra hedduun rakkoon darbu iyyuu abdiin jira

Tala Hadavi dhimma nama adaba du’aa eeggataa turee fi rakkoo yaada sammuu qabuu tokko qorachuun gabaastee jirti. Shujaa Graham jireenyuma isaanii guyyuu jiraatu. Laga naannoo isaanii bakka ijoollee isaanii geessanii oolaa turan akaakayyuu isaaniis bakka kanatti geessuun waliin dabarsu.


Haa ta’u malee Graham umurii isaanii waggoota 62 irra hedduu rakkoo dhaan dabarsan. Jireenya isaanii waggoota 11 jalqabaa lafa qonnaa jirbii kan Louisiana jiru keessatti dabarsan. Waggoota torban itti aanu immoo keellaa mana hidhaa dargaggootaa seenuu fi ba’utti dabarsan.


Sana booda umurii waggaa 18tti himannaan nama saaminsaa irratti dhiyaatee hidhaan umurii guutuu itti murtaa’ee mana hidhaa seenan. Waa dubbisuu fi barreessuu mana hidhaa keessatti baratan. Yakka hojjetan jedhamuun himatamanis ni haalan. Yeroon sun yeroo namoonni hedduun itti hidhamaniif jeequmsi mana hidhaa keessa ture yeroo hamaa ture.


please wait

No media source currently available

0:00 0:05:03 0:00
Xurree marsariitii





Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG