Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lilooyid Oostin walgahii NATO irratti hirmaachaa jiru


Ministeerii ittisaa Yunaayitid Isteets Lilooydi Oostin
Ministeerii ittisaa Yunaayitid Isteets Lilooydi Oostin

Ministeerii ittisaa Yunaayitid Isteets Lilooydi Oostin walgahii Hoggantoonii NATO fi ministeeronni ittisaa biyyoottan miseensaa NATO guyyaa lamaaf Braasels keesatti taasisan irratti argamuudhaaf deemuu isaanii gabaasinni Peentagoon irraa bahee ibseera.

Gabaasinii Kaarlaa Baab peentagoon irraa VOAf gabaastee akka jedhutti,ijoon marii kanaa waraana Raashaa 150,000 ta’u isaa kaabaan ,kibbaa fi bahaan dhiheenya daangaa yuukireen irraa qubatee jiruu kan ilaallatuudhaa.

Bareessaa olanaan NATO Jen stooltenberg walgahiichaa ilaalchisee yaada kennanin hirmaannaa Yunaayitid Isteets galateeffatniiru.

Ergaa NATOn bara 1949 ti dhaabbatte as walta’insii biyyootan miseensaa dhaabichaa inni ammaa kan adda akka ta’ee yemuu xiinxaltoonii himaa jiran kanatti, xiyaaronii waraanaa Yunaayitid Isteets daangaa qileensaa biyyoottan Awuurooppaa bahaa warren Miseensa NATO ta’an eeguudhaaf doonii Xiyaarota waraanaa baattee galaanaa Adiriiyaatiik irra jiru irraatti qophaa’anii akka jiran gabaasameera. Yunaayitid Isteets loltootaa Kumaatamaan lakkawaman Poolaandi fi Romaaniyaati bobbaasuun ishees ibsameeraa.

Karaa biraatiin bakka bu’oonii mana marii mootummaa Raashaa Guyya kaleessaa walgahii taasisaniin, Prezidaantiin biyyatti Biladimiir Puutiin , Yuukireen gara bahaa keessatti bakkeewan finxaaleyitootaa yukireeniin qabamanii jiranuuf beekumsaa biyyumaa akka kennan gaafachuun isaanii gaabasameera.

Hata’u malee Raashaan dhimmaa Kanaan qabbattee yoo yuukireenn keessaa seenti ta’e qoqqobbiin diinagdee fi Siyaasaa akka ishee eeggatu Prezidaantiin Yunaayitd isteets joo Baayiden himaniiru.

Ibsi ministira ittisaa Raashaa irraa bahe , Raashaan umna waraanaa ishee daangaa Yukireen irraa kaasaa akka jirtu himus Yunaayitid Isteets tarkaanfichii dhugaa ta’uu isaa akka hin mirkaaneeffanne Prezidaant Baayiden ibsaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG