Xurree ittiin seenan

Breaking News

Chaayinaan Biyyoota Dinagdee Dhaan Jaboo Ta’an Kan Addunyaa Caalaa Afriikaaf Liqaa Kan Kennitu Ta’uun Gabaasame


FAAYILII - Ijaarsa daandii Naayiroobii, Keeniyaa, Onk. 20, 2021 2021. (Foto: Reuters/Thomas Muk
FAAYILII - Ijaarsa daandii Naayiroobii, Keeniyaa, Onk. 20, 2021 2021. (Foto: Reuters/Thomas Muk

Baankilleen Chaayinaa bara 2007 – bara 2020 addunyaa irraa dinagdeen isaanii jabaa ta’e hanga tokko caalaa projektii misooma deggeruuf liqaa hedduu kennaniiru jechuu dhaan qorannaan haaraa ba’e mul’isee jira. Waashingtonii fi London keessa kan maadheffate waaltaan misooma sadarkaa addunyaa kaleessa akka gabaasetti baankiiwwan misoomaa Chaayinaa michoota mootummaa fi dhuunfaa kan naannoo sanaafkan oolu deggersa doolaara biliyoona $23 gumaachaniiru jedhee jira.

Baankileen Yunaayitid Isteetis, Jaappaan, Jarmanii, Nezerlaands, Ferensaay fi Afriikaan kibbaa walitti doolaara biliyoona $9.1 qofaa liqaa kennan.

Qorannaa kana adda durummaan kan hooggann Naansii Lee akka jedhanitti Chaayinaa irra qeeqa hedduutu jira, garuu mootummoonni gama dhiyaa investmentii firii fi walitti fufiinsa qabu ykn kara sadarkaa hiika qabutti guddisuu yoo barbaadan baankiiwwan misoomaa ofii isaanii bobbaasuu dhaan akkasumas baankiiwwan qaama hedduu of keessaa qabu kan investimenii kanaaf dursa kennu bobbaasuu qabu jedhan.

Waaltaaleen kanneen akka baankiin addunyaa, biyyootii Afriikaa keessatti kan geggeessamu ijaarsa misooma bu’uuraaf kan oolu waggaatti doolaara biliyoona $ 1.4 kan kennan ta’uu gabaasichi beeksisee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG