Xurree ittiin seenan

Breaking News

Liyoon Meesii kalee kubbaa adabbii dhiitee dhabe kaan Arjentiinaa bakka bu’ee hin taphadhu jedhee himate


Liyoneel Meesii Arjentiinaaf tapahcuu ya dhiise jedhee himate
Liyoneel Meesii Arjentiinaaf tapahcuu ya dhiise jedhee himate

Arjentiinaan tana waliin marroo afur waluma gula dorgommii addunyaa moohamte.Dorgommii Koppaa Amerikaa kalee dhumatte irratti Chiileen akkuma ganna dabree baranallee Arjentiinaan walti martee taphii daqiiqaa 120 dhumatee dhiitichaa adabbiitiif walti gadi lakkisan.

Meesii
Meesii

​Kubbaan Meessiin dhiite utubaa goolii jala barrisaa dabarte.Meesiin eegi yoosi adda qabatee mataa buusee,fuula guuraa,ufi nyaachaa dabre guddoollee oli hin jennee tanumaan dorgommiillee dhiisaa jedhee labsate.

“Lammeessoo kilabii biyyoolessaa keessa hin tahphadhu.Waan dandahu cufaa ya tolchee. Shaampiyoonaa tahuu dhabuun ammoo waan guddoo nama miidhaati,” jedhe.

Tana maleellee Meesisin,“Waan ani guddoo jaaladhu taatullee naa hin taane,”jedhe.

Liyoneel Meesii
Liyoneel Meesii

​Meesiin nama ganna 29ti marroo 8 dorgommii La Liigaa moo’e, marro shan Barseloonaa waliin dorgommii Shaampiyoon Liigi moo’e.

Meesiin biyya biyya isaa Arjentiinaa malee kalee kilabii Barseloonaatii taphata. Marroo shan badhaasa FIFA Ballon d'Or moo’e. Dorgommii Olompikii bara 2008 irratti waancaa warqii mnoo’e.

Meesiin taphataa kubbaa miilaa beekamaa taphata biyya isaa ka durii Diyaagoo Armaandoo Maradoonaa fulaa bu’ee taphachaa bahe.Kilabiin isaa isaa bara 2014 dorgommi kubbaa miilaa waancaa addunyaa irratti Jermeniin walti martee moohamte.

Meesisin eegii bara 2005, ganna 11 asiti marroo 113 biyyaa isaatii taphachuutti jira.Biyya isaati haga ammaatti goolii 55 galche namuma biyya isaa Gabirhel Batuusaati.Innii ammoo 54 galche.

Arjentiinaa
Arjentiinaa

​Namii hedduun ammoo keessattuu warri isa waliin taphatu Meessii dallansuutti jiraa murtii tana irra deebihee laallachu malee jedha.

Meesii qofaa mitii namii Arjentiinaa keessa ayahauu fedhu

Namii akka Sirgiyoo Aguheeroo, tapahtaan Arjentiinaa dhibiin jedhutti kilabiin Arjentiinaa kalee moohamtee gara mana wayaa itti jijjiirataniitti deebitee jennaan namii cuftii fuulii akk malee hammaatee namuu dorgommii keessaa baanaa ufiin jedhe.

Taphattootii Arjentiinaa hedduun biyya isaaniitii taphachuu dhiisuu fedhan. Akka oduun gaazexaa Arjentiinaa tokko jettutti namii akka Aguhero, Javiyer Mascherano fi Gonzalo Higuain faatilleen warra Arjentiinaa biraa yaahuuf kurfoo jiru.

Akka oduu ESPN Deportes, TV biyya biyya Ispeeniiti jettuti ammoo Angel di Maria, Lucas Bigliya, Ezeqiheel Lavezzi fi Ever Banega faatilleen warra Arjentiinaa keessaa yaahuu fedhu.

Maradoonaa Arjentiinaan moohamtee jennaan adoo biyyatti deebihuu cinqamuu baattellee womaa miti jedhe dorgommii Koppaa Amerikaatiin duratti dubbate.

Liyoneel Meesii
Liyoneel Meesii

​Meesiin biyya isaatii tapachuu baatullee kilbii isaa Barseloonaa hinuma taphata.Woma taateefuu dorgommii Kopa Amerikaa kalee dhumattee Meesiin dorgommii dhiisaa jedhee irratti labasate kalee Chiileetti shaampiyoonaa tahee, Arjentiinaa lammeessoo sadeessoon ammoo Kolombiyaa.

Chiileen ta kalee waliin marroo lama waancaa akkana moote dheebuu ganna 99 baate.Meesiin lammata Arjentiinaa fulaa bu’ee hin taphadhu jedhe kana dallansuutti tana dubbise moo waan isa dhibetti dhibe?Tana waluman ilaalla.

Biyyitii dorgommii tana qopheessite Amerikaan harkuma dhadhawattee duwwaa keessaa galtewarrii moo’ee ammoo keessattu ka tanaan lammeeffacho jedhe ka akka Chiilee faaf guyyaan Olee..olee.oleeee..ooleeee.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG