Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lola Tigraay Keessaan Ijoollee Irra Miidhaa Hamaan Ga’uun Ibsame


Faatilii - Adaan Mu'ez mucaa umuriin oggaa 14 Hoospitaala Walii-galaa Addigraat keessatti qarqaarramaa jira,
Faatilii - Adaan Mu'ez mucaa umuriin oggaa 14 Hoospitaala Walii-galaa Addigraat keessatti qarqaarramaa jira,

Lola Tigraay keessatti geggeessamaa jiruun ijoolleen miidhaan irra ga’e hospitaala refereaalii Ayider keessatti wal’aansa fayyaa fudhataa jiran. Magaalaalee Tigraay adda addaa keessatti daa’imman irra miidhaan guddaan ga’uu isaa fi wal’aansa argatanii kan deebi’an ka jiran yoo ta’u kanneen wal’aansa fayyaa argataa jiranis jiru.

Qisanet G/Mikaa’eli. Qisanet intala waggaa 13 ti. Qisaanetiin kutaa namoonni ibiddaan gubatan keessa jiran keessattin argee jedha Alem Fesehaa. Harmeen isee aadde Genet ishee cina jiru.

Miidhaa intala isaanii irra ga’es ennaa ibsan, Adwaa Feresmaay bakka jedhu irraan dhufne. Mucaan koo waggaan ishee 13. Mana keessaa utuu hojii irra jirtuu ti kan akka hamaatti dha’amte. Kun Ebla 13 bara 2013 kan raawwatame dha. Isee waliin ijoollee ka biroon jiraatanis akkaan kan miidhamte ishee kana. Wal’aansa argataa waan jirtuuf isa dura dhufterra amma jijjiirama qaba jedhan.

Ka biroon immoo bakka samirii jedhamu irraa kan dhufte yoo ta’u abbaan ishee mana yaalaa keessa waliin turan jedha Alem. Ijoollee ka biro waliin utuu baqatanii argitee manaa baatee utuu fiigduu Ebla 15 bara 2013 loltoonni eertraa kan ishee rukutan jedhu abbaan isee Gebraay Zenebe.

Rasaasi gurra ishee gara mirgaa jalaan seene, ija ishee bitaa keessaa baase jedhan. Amma wal’aansa argattee foyya’aa jirti jedhaniiru. Dr. Hospitaala sanaa Mebraat G/Sillaasees miidhaan irra ga’e hamaa fi ija ishee lamaan dhabuu himanii wal’aansi godhamaafii akka jiru naaf himaniiru jedha Alem Fishhaa Meqelee irraa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG