Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lolli Raashaa fi Yukireen Gidduu Hammaachuu Gam Lameenuu Ibsan 


FAAYILII - Loltoota Yukireen meeshaa waraanaa hawizer M119 jedhamu dhukaasan, Bahikmut, Bitootessa 10,2023.
FAAYILII - Loltoota Yukireen meeshaa waraanaa hawizer M119 jedhamu dhukaasan, Bahikmut, Bitootessa 10,2023.

Yukireen gama bahaa Bakhmut keessatti wal waraansii har’a gaggeeffame hamaa ta’uu gareen lachuu himaniiru. Kunis qabsoo ji’oota dheeraaf naannoo sana to’achuuf ta’een ture.

Waraanni Yukireen akka jedheetti, yaalii Raashiyaan magaalattii qabachuuf gootu ofirraa faccisuuf, meeshaa waraanaa gurguddoo, taankii fi meeshaalee waraanaa biroo fayyadamaa akka jiru ibseera.

Ministeerri ittisaa kan Biriteen guyyoota darban keessa haala jiru xiinxaluun akka ibseetti, gareen waraanaa Raashiyaa Wagner jedhaman, kutaa Bakhmut gama bahaa harka caalu akka to’atu ta’u fi humnoonni Yukireen gama dhihaa qabataniiru.

Hundeessaan Waagner Yevgeny Prigozhin haala Dilbata kaleessa mudate “baay’ee cimaa” jechuun ibsaniiru, humnoonni isaa hamma giddugala magaalattiitti dhihaataaa deeman, lolli kun daran rakkisaa ta’a jedhe.

Raashiyaan kaayyoo bal’aa naannoo Donbas dhuunfachuuf qabdu keessatti qaama ijoo ta’uun Bakhmut irratti xiyyeeffattee jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG