Xurree ittiin seenan

Breaking News

Loltoonni Gurmuu Naga Eegumsa Gamtaa Afriikaa Namoota Nagaa Ajjeesuun Gabaasame


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Miseensonni gurmuu gamtaa Afriikaa kan Somaaliyaa keessaa lola Al-Shabab torban darbe geggeessetti aansuu dhaan siivilota torba ajjeesuu isaanii bulchaan VOA sagantaa Afaan Somaaleef ibsanii jiran.

Bulchaan naannoo Shebelee gara gadii Mohammed Nur akka jedhanitti qonnaan bultoonni shan kanneen du’an keessaa ta’uu marii jiraattota naannoo waliin geggeessaniin mirkaneessanii jiran.

Siivilonni ka biroon lama kanneen konkolaataan isaanii karaa irratti duraa cabes humnootii nagaa eegsisan kanaan ajjeefamuu jedhan. Nuur ofii isaanii qonnaan bultoota ajjeefaman keessaa tokko kan beekan ta’uu dubbatan.

Dhukaasi sun kan raawwatame Hagayya 10, ganda Golweeyin keessatti yoo ta’u tilmaamaan Moqaadishoo irraa fageenya km 100 irratti argama.

Somaalii fi angawoonni gamtaa Afriikaa leellistoonni Al-Shabaab humnoonni naga eegumsaa ennaa isaan naannoo Golweyn to’atanitti dhukaasa itti banuu mirkaneessaniiru. Loltoonni sunis leellistoota sana waliin dhukaasa hamaa sa’aatilee dheeraaf ture geggeessaniiru. Halellaan sun lafa qonnaa naannoo sanaa kan Golweyiin irraa fageenya km 2.5 irratti argamu irratti ta’uu Nuur gaaffii fi deebii bilbilaan geggeessaniin ibsaniiru.

Loltuun gamtaa Afriikaa tokko kan ajjeefame yoo ta’u, lama immoo madaa’uu Nuur ibsanii jiran. Ajjeechaan siivilota sanaa ennaa dhukaasa sanaa ykn isa booda ta’uu adda hin baafamin jira. Angawoonni gamtaa AFriikaa balaa sana qorataa jiraachuu beeksisan. Angawoonni AMISOM gaaffii VOA biraa dhiyaateef deebii hin kennin jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG