Xurree ittiin seenan

Breaking News

Loltoonni Yugaandaa Koongoo Bahaa Wal-waraansaan Bututte Keessatti Tasgabbii Buusuuf Jecha Gamasitti Bobba'an


Loltoonni Yugaandaa Koongoo Bahaa Wal-waraansaan Bututte Keessatti Tasgabbii Buusuuf Jecha Gamasitti Bobba'an
Loltoonni Yugaandaa Koongoo Bahaa Wal-waraansaan Bututte Keessatti Tasgabbii Buusuuf Jecha Gamasitti Bobba'an

Loltoonni Yugaandaa haleellaa lubbuu galaafatu kan garee hidhataniin raawwatamu dhaabsisuuf Koongoo gama Bahaatt kan argamtu magaalaa Buuniyaa seenanii jiru jechuu dhaa angawaan waraanaa tokko beeksisaniiru.

Associated Press akka gabaasetti Wixata dheengaddaa magaalaa guddoo kutaa Ituurii Buniyaa keessatti loltoota Ugaandaa fi Koongoo giddutti mariin geggeessame irratti dubbi himaan waraana Ugaandaa ajjeechaan gosa irratti geggeessamu hammaataa adeemuu isaa dubbataniiru.

Dubbi himaan waraanaa kun akka jedhantti humnoonni Ugaandaa amma umnoota Rippaablikii Diimokraatawaa Koongoo waliin ta’uu dhaan Buuniyaa to’ataniiru dhaan, tarkaanfiin kun fudhatamuun ajjeechaa gosoota irratti gareelee hidhataniin geggeessamu dabalatee kanneen yakka kana raawwatan tuttuqqaa isaan taasisaniin ta’uu ibsaniiru.

Buuniyaa fi naannolee ka biroon dhiyoo jiran bakka qonnaan bultoonni hawaasa Leenduu fi horsiisee bultoota emaa gidduutti walitti bu’iinsi uumamu ta’ee tureera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG