Xurree ittiin seenan

Breaking News

Looltonni Yukreen Dura Dhaabbannaan Isaan Mudatee Jira


Pirezdaantiin Yukireen dawwannaa godhan booda loltootaaf yeroo badhaasa kennan, Donetisk Yukireen, Waxabajji 5, 2022
Pirezdaantiin Yukireen dawwannaa godhan booda loltootaaf yeroo badhaasa kennan, Donetisk Yukireen, Waxabajji 5, 2022

Looltonni Yukreen guyyoota dhiyeenya kanaa keessa injifannoo argataa kan turan ta’uus, magaala siviyerdoneesk hangi tokko to’annaa Raashaa jala seenuu bulchaan kutaa beeksisanii jiru.

Looltootii keenya haleellaa faccisaa irratti gaggeeffame dura yeroo hanga tokkoof eega dhabatanii magaalatti walakkaa ishee bilisoomsanii turan. Garu amma haallii jiru xiqqoo nutti hammaatee jira jechuun bulchaan kutaa Luhansk wiixata har’a dubbatan.

Ministeerri ittisaa kan Briteen har’a akka jedheetti, siviyeerdeeneesk keessatti wal waraansii hamaan itti fufee jira.

Prezidaantiin Yukreen Volodmiyeer zeleenskii imaltuu darbee darbee gaggeessaniin, Dilbata kaleessaa magaala kiyaavii ala gara biyyatti gama dhiyaatti kan deeman yoo ta’u achittis waraana isaanii fi baqattoota waliin wal arganii jiru.iddoo hedduutis goraa kan turan ta’u fi naanoo wal waraansii itti gaggeeffamaa jiru dhiyeenya qabu lamattis goranii jiru.

Injifachuun isin maraaf ta’u qaba, waan akkaan barbaaachisaan isa. Garu midhaa guddaan kan ta’u qabu miti jechuun Zeleenskiin warana isaaniif Dilbata kaleessaa vidiyoo waraabameen ibsan.

Ministeerri ittisaa kan Briteen akka jedheetti, misaa’eelli kruuz kan Raashaa Dilbata kaleessaa ganama dhukaafte, caasaa baabuuraa kan magaala Kiyaav keessaa kan rukutee yoo ta’u fi kunis gargaarsa meeshaa waraanaa kan biyyonni gama dhiyaa waraanaa jiraniif ergan akka isaan hin dhaqqabne gufachiisuuf ta’u mala jedha.

Ministeerri ittisaa kan Raashaa gama isaan, Taankii mootummonni gama dhiyaa Kiyeeviif ergan barbadeessine jedhee jira.

Prezidaantiin Raashaa Putiin gama isaaniin, yoo biyyonni gama dhiyaa caasaa Rookeeta lafa dheeraa furguggifamuu Yukreeniif kennuuf karoora qaban fixaan baasu ta’e, Raashaan qiyyaafata jiran ni haleeltii garu hin jalqabne jechuun akeekkachisanii,

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG