Xurree ittiin seenan

Breaking News

Luba Balaay Mokonniin fi Namoota Isaan Waliin Shakkaman Irratti Himanna Banuuf Abbaan Alangaa Beellama Guyyoota Kadha Shanii Gaafate


FAAYILII - Karra mana Murtii , Finfinnee
FAAYILII - Karra mana Murtii , Finfinnee

Luba Balaay Mokonni dabalatee , Obbo Yaareed Fissahaa fi Obbo Dhaabaa Gennaanaa waraqaa sobaa fayyadamuun baankii daldala Ityoophiyaa irraa maallaqa doolaara miiliyona Ja’aa ol baasuuf yaalaniiru jedhamuun kan shhakkamanii to’annaa jala oolfamaniiran har’a yeroo sadaffaaf mana murtiitti dhiyyaataniiru. Beellama isaanii har’aatiinis Poolisiin qorannaa taasiisuuf beellama guyyaa torbaa irratti gaafatee ture bu’aa qorannoo isaan deebi’uuf kan ture yommuu Pollisiin qorannaa isaa xumuree Abbaa Alangaaf kennuu himee Abbaan alangaas himannaa banuuf beellamni guyyoota 15 akka kennamuufiif gaafateera.

Abbaan Alangaa shakkamtoonni kunneen yakka malaammaltummaa cimaan kan shakkaman fi yakka hanga waggoota Kudhan adabsiisuu danda’u dha jedhee seera Adabbii yakkaa lakkoofsa 109 eeruun mirgi wabiin ba’uu isaanii akka hin kennamne jedhee beellama himannaa banuu guyyoota 15 kan gaafate .

Abukootaawwan shakkamtootaa ja’a waliin ta’uun maamiloonni keenya Yakkicha raawwachuu fi dhiisuun isaanii ragaadhaan osoo hin qulqullaa’iin Abbaan alangaa yakkamtoota jedhee dhiyyeessuun mirgi wabii isaanii akka hin kabajamne taasisuu hin qabu jedhanii yeroo qorannaa poolisiin gaggeessaa turetti Abbaan alangaas keessatti hirmaateera waan ta’eef galmeen inni hin beekne hin jiru waan ta’eef himannaa banuuf guyyoonni 15 isa hin barbaachisu jechuun falmaniiru.

Abukaatoon shakkamtootaa dhimmi biraan kaasanii falman Lubni Balaay Mokonniin gara baankii dandala Itiyoophiyaa kan mooraa Gamtaa Afiriikaa keessatti argamu kan deeman waliin dhahuuf osoo hin taane ragaan jedhame sun sirrii ta’uu fi dhiisuu isaa qulqulleessuuf namoota kanneen waliin deeman ,kunimmoo inummaayyuu isaan galateeffachiisa malee isaan hin himachiisu jechuunidha. Lubni Balaay Mokonniin abbaa Amantaa kan ta’an , hojiilee misoomaa nama qindeessanii fi teessoo dhaabbata nama qaban waan ta’aniif yeroo barbaadaman kamittuu nama argamuu danda’anidha.Kana malees shakkamaa 2ffaa fi 3ffaa waliin deemuu isaaniirra kan hafe hirmaannaa homaa kan hin qabne waan ta’eef mirgi wabii akka kabajamuuf jedhanii falmaniiru.

Falmii bitaa fi mrgaa kan ilaae dhaddachi mana murtii Federaalaa Ramaddiin Araadaa beellama Abbaan Alaangaa guyyoota 15’f gaafate eeyyamuun xumurameera jechuun Finfinneerraa Keneedii Abaateetu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG