Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maaleesiyaan vaayiresii Koronaa Ittisuuf Sochii Uummataa Uggurte


Roobii har’aa Maleeysiaa keessatti uggurri sochii haaraan kaa’amee jira. Kunis qaama uggura gamtaa Awroooppaa faca’ina vaayiresii koronaa ittisuuf tolche yoo ta’u mootummoonni lammiiwwan biyya alaa gamas kka hin seenne dhorkanii jiru.

Maleeysiaa keessaa namoonni 500 ol ta’an vaayiresii kanaan kan qabman yoo ta’u biyyattiin turban lamaaf sochiin ugguramee ture.

Saaud Arabiyaa keessaa angawoonni hojjettoonni daldalaawwan dhuunfaa mana taa’anii akka hojii itti fufan har’a ajajniiru. Kanneen qaamaan bakka hojiitti argamanii hojjechuun irra jiru immoo wal irraa fagaatanii hojii akka itti fufan beeksisaniiru.

Muummichi ministeeraa Awstraaliyaa Skoot Mooriisen sochii namoota akka ugguramu labsanii jiru.

Biyyoonni kanneen biroonis sochii uummataa ugguruuf tarkaanfii wal fakkaatu fudhataniiru.

Xaaliyaanii, Speen fi Ferensaay lakkoobsi namoota vaayresii koronaan qabaman addunyaa irraa ol aanaa ta’e waan keessa jiruuf sochiin uummataa akkaan ugguranii jiru.

Braziil keessaa namoonni 300 ol ta’an yoo vaayrisii kanaan qabman akka qajeelfama angawoota eegumsa fayyaatti sochiin uummataa akka ugguramu gootee jirti. Brazil keessa kaleessa jalqabaaf namni vaayiresii koronaan qabame tokko du’uun

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG