Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maalii Keessatti Namoonni Heedduun Ajjeefamuun Yaaddeessaa Dha: Amerikaa 


FAAYILII - Loltoota Maalii karaa eegaa jiran, Guraandhala, 28, 2020
FAAYILII - Loltoota Maalii karaa eegaa jiran, Guraandhala, 28, 2020

Maalii waaltaa ganda tokko keessatti oduu rifaasisaa kan namoonni hedduun ajjeefaman jedhau, Yunaaytid Isteetees faana bu’aa kan jirtu ta’u dubbii himaan ministrii haajaa alaa Amerikaa Need Praayis ibsanii jiru.

Waraannii Maalii Sambata dabree akka jedhetti hokkara dhiyeenya kana baatii tokkoof hammaatee keessatti leellistoota Islaamaa 200 caalaa ajjeesee jira.

Mootummaan irree waraanaa kan Maalii baatii Guraandhala keessa filannoo gaggeeffamuuf ture erga yeroo biraatti dabarsee booda, biyyoota gama dhiyaa wajjiin muddamsi dabalaee jira.

Kana malees waraana dhunfaa kan Raashaa walii galtee hojii Kontraataa Mootummaan Maalii tolfate biyyatti seenuun muddamsa kana hammeessee jira.

Dubbii himaan ministrii dantaa alaa Amerikaa Need Praayis ibsa baasaniin, dhuma baatii baatii dabree jechuun Bitooteessa dhumatti ajjeechaa ganda Miuraa jedhamtu keessatti gaggeeffameef eenyu akka itti gaafatamaa akka ta’e kan ilaaleen gabaasa wal dhahuutu jira.

Gabaasnii wal dhahaan akkasii dhaga’amuun kun, aangawoonni ce’umsaa kan maalii qorattonni walabnii dhorkaa tokko malee nagaan isaanii haala eegamee jalttii iddoo sana seenanii qorachuun waan hatattamaan gaggeeffamuu qabu ta’u hubachiisa jedhan Praayis.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG