Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maaliin Ambaasadarri Firaans akka bahan ajajje


Namoota kumaan lakkaawwaman hiriira mootumman qindeesse irratti argaman, Bamaakoo, Maalii, Amajjii 14, 2021. Dhaadannoon baataan: "Firaans bahi" "Maaliin ijoollee ishiitti boonti faa ka jedhu
Namoota kumaan lakkaawwaman hiriira mootumman qindeesse irratti argaman, Bamaakoo, Maalii, Amajjii 14, 2021. Dhaadannoon baataan: "Firaans bahi" "Maaliin ijoollee ishiitti boonti faa ka jedhu

Mootummaan maalii Ambaasadarrii biyyaa Frans sa’aatii 72 keessatti akka biyyaa gad lakkisanii bahan kaleesaa ajajja kenu isaa beeksiseera.

Mootumaan maalii Ambaasadarri Fraans Joel Meyer akka biyya gadi lakisanii bahan kan ajjaje, haanga’oonni mootummaa Firaans dhimaa Maalii irraatti ibsa hadhaawaa fi kan daldhansiisaa kennaniiru jechuudhaan.

Minstirrii dhimma alaa Fraans Jean -Yves Le Drian torban darbee Mootummaa loltootaa isa yeroo ammaa maalii bulchaa jiru ilaalchisuudhaan yaadaa kennaniin Mootummaa fudhatama hin qabnee fi tarkaanfii itti gaafatamummaa hin qabne kan fudhatuudha jedhanii erga qeeqanii booda Mootummaan isaan "Juuntaa" jedhanii waaman too’annoo dhaa ala jechuun isaanii gabasameera.

Ministeerri dhimmaa alaa Fraans kaleessa akka jedhetti Ambaasadarichii akka biyyaatti deebi’an akka waamuu fedhuu iss ibseera.

Torban darbe Mootummaan maalii nageenyaa kebachiisuudhaaf jechaa eeyyama malee biyyaatti kan seenee waraannii Biyya Deenmaark akka daangaa biyyatti gad lakkisee bahu ajjaja kennuu isaa hordofuudhaan Deenmark akka Fraansiin wajjin dhaabbatu ibsii ministeeraa biyyaa alaa biyyatti irraa bahe beeksiseeraa.

Mootummaan Maalii yeroo Ammaa Assimii Goitaan hogganamu Hagayaa bara 2020 fonqolchaan haangoo qabate, akka filannoodhaan dabarsee kennu dhiibbaan irratti taasifamus amma 2026 filannoon akka hin taasifamne labseeraa. Kanaafis biyyoottan Afrikaa naannoo jiran irraa murtoon qoqqobiin diinagdee akka irraati darbe ni beekama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG