Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maallaqa Kennuuf Waada Seenne Haa Kabajnu !


Muddee 1 sadarkaa addunyaatti kabajamee kan oolu guyyaa HIV/AIDS sababaa gochuun barreessaa dureen Tokkummaa Mootummotaa Ban ki moon kaleessa ibsa baasaniin, addunyaan dhukkuba kana dhabamsisuuf boqonnaa isa dhumaa irra yeroo jirtu kanatti, maallaqi ga’aan argamuun murtessaa ta’uu dubbatan.

Dhukkuba kana sadarkaa addunyaatti dhabamsisuuf kan oolu waggaa waggaatti doolaara biliyoona 24 arjoomtonni akka kennaniif Ban ki Moon gaafataniiru.

Mootummonni Awuroopaa fi Amerikaa rakkoo dinagdee isaan mudateen kan ka’e bajata qaban hanqisaa yeroo jiran kanatti dhukkuba AIDS dhabamsisuuf yaalii ta’u hanqinni maallaqaa ni mudata yaaddoon jedhu guddataa jira.

Mata dureen ayyaana baranaa “Getting to zero” ykn namoota vayrasii HIVn haaraa qabaman ykn AIDSn du’an akkasumas namoota vayrasii HIV waliin jiraatan irratti loogiin godhamu guutuummaan haa dhabamsiifnu kan jedhu ture.

Guutummaa gabaasa kanaa MP3 tuquun dhaggeeffadhaa



XS
SM
MD
LG