Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maaratoonii 'Chicago' ta km 42 dhiiraa fi dubralleen Itoophiyaan lammeessoo baate.


Dorgommii Maaratoonii ta gaafa Onkoloolessa 10 bara 2010 ganamaa jalqabee Amerikaa kutaa Chikaagootti nama kuma 45tu irratti wal dorgome. Ka injifate $500,000 hammaarrata. Jara Itoophiyaa dorgome keessaa Tsaggaayee Kebbedeetii fi Atsedee Bayisaa lammeessoo tahan.

Itoophiyaan gaafa Abbebee Biqilaatii jalqabdee haga hardhaallee addunyaa irratti akkanuma fiigichaan beekamti.Atileeota Oromiyaatti haga guddaan biyya tana addunyaa irratti akkana beessisuutti jira.

Akka jecha Obbo Obbo Duubee Jiloo Federeshiinii Atiletikisii Itoophiyaatti itti gaafatamaa damee Teknikaati taahumsa lafa Oromiyaatti akkana tola,taan ammoo atileetotii ammoo nama isaan duraa irraa laalanii guddatanii jabaatan.

Gaafii ammoo silaafuu hujii jabduu abbuma itti dadhabetti galateeffamaanii hujii atileetii akkana jabeessitu eennuu faatti galataan argachuu male jettuuf jettuuf, bulchootaa,warra leenjisuu dabalee hujii nama hedduutti jedhan.

Akka taateefuu warrii halkanii fi guyyaa atileetota leenjisaa asiin gahe galta guddaa argate.

Mee waan dorgommii Maaratoonii /Chicago/ irratti qopheessine MP3 irraa caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG