Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Gidduu Galeessaa Itiyoophiyaa Aanaa Addaa Maareqootti Halleellaa Hidhattootan Namoonni Nagaa Lama Ajjeefamuun Himame


Bulchiinsa mootummaa naannoo Gidduu galeessaa aanaa addaa Maareqootti halleellaa hidhattootaan raawwatameen namoonni nagaa nagaa lama ajjeefamuun namni tokko madaa’eera jedhan jiraattoonni fi Maatiin. Guyyaa kaleessaa gabaa oolanii gara manaatti deebi’aa jiruu mucaan isaanii raasaasa hidhattootarraa itti dhuukaafameen madaa’uun amma hospitaala Waraabeetti yaala argachaa akka jiru Obbo Mekeeboo Maaseboo. Ammayyuu naannichatti sodaa guddaa keessa jirra kan jedhan Obbo Mekeeboon Sba Maareqoo fi godina guraagee bahaa haaraa kan duraan Masqan jedhamee waamamu gidduutti waldhabdeen gandonni Sagal anaaf ta’a jedhu mootummaan furmaanni itti kennamuu dhabuu isaarraa kan ka’edhas jedhaniiru.

Namni biraan nageenya isaaniif sodaa qabaniif maqaan isaanii akka himamu hin feene tokko immo sagalee Ameerikaaf yaada kennaan warra ajjeefaman keessaa tokko dubartii haadha ijoollee Shaniiti jedhaniiru. Dhimma kanarratti deebii akka kennaniif bulchaa aanaa addaa Mareeqoof bilbillus bilbilli isaanii hin ka’u. Aanichatti angawaan bakka namoota yakka raawwatan irratti tarkaanfiin barsiisaa ta’e hin fudhatamnetti nageenya koof sodaan qaba jechuun maqaanii fi gulataan aangoo isaanii akka himamu hin feene tokko miseensonni saba Maareqoo karaa adda ta’een miidhaan irratti raawwatama jira jechuun sagalee Ameerikaatti himaniiru.

Gaafa waxabajjii 1 bara 2016 gabaa Insinoo oolaanii namoota deebi’aa jiran irratti hidhattoota eenyummaan isaanii hin beekamneen dhukaasa banameen namoonni Shan ajjefamuu bulchaa aanaa addaa Mareqoo Obbo Nigusee Meken wabeeffachuun gabaasuun keenya ni yaadatama. Akkasumas gaafa Waxabajjii 13 bara 2016 itti gaafatamaan biiroo nageenyaa bulchiinsa mootummaa naannoo gidduu galeessaa Obbo Temesgeen Kaasaa namoonni Aanaa addaa Maareqoo fi godina guraagee bahaatti jeequmsa kaasuutiin shakkamaniiran 88 to’annaa jala oolfamaniiru jechuu isaanii Sagaleen Ameerikaa gabaasuun isaa ni yaadatama. Yooanaatan Zabdiyoositu Hawwaasaarraa gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG