Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yaadannoon Maartiin Luuter Kiing Baraan Yaadatamaa Kan Jiraatu Mallattoo Qabsoo Karaa Nagaati


FAAYILII - Hagayya 28, bara 1963 Maartiin Luuter Kiing magaala Waasingitan Diisii bakka Linkan Mimooriyaal jedhamutti
FAAYILII - Hagayya 28, bara 1963 Maartiin Luuter Kiing magaala Waasingitan Diisii bakka Linkan Mimooriyaal jedhamutti

As Yunaayitid Isteetis Keessatti guyyaa har’aa yaadannoo hoogganaa qabsoo mirga namaa kan Martin Luter King-tu kabajamee oola. Kana ilaalchisuu dhaan kutaa Ohio Yuniverstii Youngstown-tti barsiisaa seenaa kan ta’an Dr. Daani’el Ayyaanaa, yaadannoon Dr. King baraan yaadatamaa jiraata jedhan.

Qabsoo karaa nagaa geggeessuu kan Mahitama Gaandiin biyya Hindii keessatti jalqaban kan hordofan Martiin Luter Kiing, mormii hookkaraan alaa isaan geggeessan seerri Ameerikaa kan loogii sanyii eeyamu akka haqamu taasiseera.

Bara kanas karaa nagaan mormii ofii dhageessisuuf fakkeenyummaa isaanii hordofuun barbachisaa akka ta’e Dr. Daani’el ibsanii, yeroo hedduu sochiin karaa nagaan geggeessamuuf akeeke gara hookkaraatti kan jijjiiramuuf hubannoon sochii tokkoo hunda biratti qixxee hubannoo waan hin qabaanneef jedhan.

Yaadannoon Maartiin Luuter Kiing Baraan Yaadatamaa Kan Jiraatu Mallattoo Qabsoo Karaa Nagaati
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:50 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG