Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maatiin Reeffa Mana Hidhaa Qilinxoo Keessaa Ba’e Argatan Maal Jedhu?


nekemte killing
nekemte killing

Manni hidhaa Qilinxoo gubachuu isaan kan ka’e hidhamtoonni 23 du’uu mootummaan Itiyoophiyaa eega beeksisee kan bubbulee ta’us hanga har’atti maqaan isaanii hin ibsamin jira.

Paartiin mormituu Kongrasiin Federaala Oromoo akka jedhutti Obbo Kabbadaa Fayisaa Sanbatoo godina Shawaa Lixaa Jalduu irraa, Obbo Dhaabasaa Galataa godina Shawaa Lixaa Baabbichi irraa akkasumas Obbo Dabalee Abarrraa Godina Shawaa Lixaa Adaa Bargaa irraa kan ta’an reeffi isaanii maatiif kennamu beeksisee jira.

Kamiisa Fulbaana 15 bara 2016 Godiina Wallaggaa Lixaa aanaa Najjoo magaalaa Warra Jirruu irraa kan ta’an Barsiisaa Abdisaa Bokaa sirni awwalcha isaanii firaa fi maatiin lafa argamaniitti gaggeffamee jira. Maatiwwan reeffa argachuuf yeroo dheeraa joruu isaanii fi gadda guddaa keessa akka jiran dubbatu.

Maatiin lameenuu reeffi argamee kan rasaasaan rukutame ta’uudubbatu.

Gaaffii fi deebii gaggeeffame armaa gadiitti caqasaa.

Maatiin reeffa nama isaanii Qilinxoo bahe maan jedhan?
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:51 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG