Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maayik Pens Ameerikaan NATOf deeggarsa Cimaa Qabaachuu dubbaan


Itti-aanaa Prezidaantiin Yunaayitid Isteets – Maayik Pens walgahii NETO irratti hirmaatan
Itti-aanaa Prezidaantiin Yunaayitid Isteets – Maayik Pens walgahii NETO irratti hirmaatan

Itti-aanaa Prezidaantiin Yunaayitid Isteets – Maayik Pens, deggersa cimaa Ameerikaan NATOf qabdu dhageessisanii, garuu – gamtichi baasii yokaan baajeta humna ittisaa ol kaasuu ilaalchisee, karaa ifaa fi amanamaa ta’e agarsiisuu hin agarsiisne – jedhanii jiran.

Walga’ii Waajira guddoo NATO, ka magaalaa Brassels keessatti geggeessamaa jiru dura dhaabbatanii kan kana dubbata – Itti-aanaa Prezidaantiin Ameerikaa kun, biyyoota miseensota NATO 28 keessaa, kanneen dinagdee biyya isaanii keessaa dhibba irraa harka lama baajeta ittisaa kanaaf baasuudhaan dirqama irraa eegamu ba’an Yunaayitid Isteetsii fi biyyoota afur ka biroo qofa ta’uu hubachiisan.

“Nuti baasii ittisa biyyaa keenyaa dabaluuf jirra. Ameerikaan qooda nu irraa eegamu ni raw’anna” jeddhan.

XS
SM
MD
LG