Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maaynamaar Aan Saan Suu Shii Irratti Himannaa Malaammaltummaa Haaraa Dhiyeessite


Aan Saan Suus
Aan Saan Suus

Angawoonni Maaynamaar kan aangoo irraa kaafaman Aan Saan Suushii irratti himannaa malaammaltummaa haaraa banuuf akka jiran gabaasaaleen gamasii argaman mul’isanii jiran.

Gaazixaan mootummaa kan Global New Light of Myanmar jedhu har’a akka gabaasetti komiishinni farra malaammaltummaa maanguddoo waggaa 75 Suu Shii yakka malaammaltummaa aangoo isaaniitti fayyadamuun raawwachuu isaanii ragaa mul’isu argadhe jedhee jira. Itti dabaluu dhaanis kana dura maallaqa seeraan alaa doolaara $600,000 fi Warqee akkasumas dhaaba gargaarsaa kan ofii isaaniif seeraan ala lafatti fayyadaman himannaa jedhu dhiyaachuun gabaasamee jira.

Gabaasi sun akka jedhutti Suu Shii, akka seera farra malaammaltummaatti yoo balleessaan itti murame hidhaa waggoota 15n kan adabsiisuun himataman.

Aan Saan Suu Shii erga waraanni Guraandhala 1 aangoo isaanii gargalchee qabee hidhaa keessa jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG