Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maaynamaar Keessatti Mootummaan Sivilii Haaraan Kan Farra Bulchiisa Waraanaan Hundaa’e 


Maaynamaar keessaa mormitoonni farra fonqolcha mootummaa ennaa gareen seera tumtoota aangoo irraa fonqolchamee bulchiinsa waraanaa mormuuf jecha mootummaan sivilii akka hundeeffamu labsetti koppii heera biyyattii guban.

Koree Piyaadaangsuu Hiluutaaw jedhamu kan kennmeef mootummaan fincile kun, miseensa paartii Aan Saan Suu Shii kan baatii Sadaasa darbe filatamanii barchuma paarlaamaa akka hin arganne dhorkamuun to’annaa jala oolanii ti.

Gareen kun heera federaalaa haaraa waraanni biyyattii bara 2008 wixineeffame kan bakka bu’uu dha.

Bulchiinsi waraana biyyattii mormitoota deggertoota dimokraasii guutummaa Maaynamaar keessaa ripxe loltoota gosootaa anneen hiriirtota mormii cina dhaabatanitti duuluun yeroo dhiyoo itti fufee jira. Waraanni biyyattii, haleellaa buufata waraanaa fi poolisii irratti geggeessame ijaa ba’uuf jecha ripxe loltoota gosa Karen kanneen Maaynamaar gama bahaa irratti haleellaa samii irraanii raawwatee jira.

Haleellaan sunis uummanni kumaan laka’amu gara boosonaa akkasumas gara naannoo daangaa biyya hollaa Maaynamaaritti akka baqatu dirqisiise.

Haalli hammaataa jiru kun Maaynamaaritti jila addaa tokkummaa mootummootaa kan ta’an Christine Schraner Burgener, dhiigi dhangala’uu mala, yoo bulchiinsi siivilii biyyatttii keessatti bakkatti hin deebi’u ta’e wal waraansi ka’uu mala jechuu dhaan igola naga eegumsaaf ibsa akeekkachiisa kennaniiru.

Ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis angawoonni akkaan hojii irratti argamuun dirqii hin taanee fi maatiin isaanii ennaa mormitoota farra fonqolcha mootummaa irratti mootummaan waraanaa duula dhiiga dhangalaasisu geggeessu kanatti Maaynamaar keessaa akka ba’an ajajee jira.

Gama biraan Aan Saan Suu Shii har’a gama viidiyoon mana murtiitti dhiyaatanii jiran. Abukaatoon isaanii Min Min Soe akka jedhaitti himannaa haaraan irratti hin dhiyaanne. Erga isaan to’annaa jala oolanii yeroo jalqabaaf roobii kaleessaa Suu Shii waliin wal arguu ibsanii jiran.

Tajaajilli oduu marsariitii Khit Thit akka gabaasetti bulchiinsi waraanaa sirnaan hin labsinuu malee Suu Shii ganiinsa biyyaan himachuuf qophaa’aa jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG