Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maaynamaar Qabsaa’ota Dimokraasii Afur Du’aan Adabde


(Suuraa faayilii)

Tokkummaayanmar executes four democracy activists, Hayyuun Dhimma Mirga Namaa Tokkummaa Mootummootaa Gadda Itti Dhaga’ame Ibsan

Angawoonni waraanaa Maaynaamaar aktiivistoota dimokiraasii afur kanneen ''gocha shororkeessummaa'' raawwachuuf gargaaran jedhaman du’aan adabuu isaa miidiyaaleen mootummaa wixata ibsaniiru, kunis waggoota kurnan darban keessatti ajjeechaa biyyi Kibba Baha Eeshiyaa kun raawwate kan jalqabaa ta'uu illee eeraniiru.

Namoonni afran kun baatii Guraandhalaa keessa dhaddacha cufataa dhaan murtiin du’aa kan itti murtaa’e yoo ta’u, waraana bara darbe fonqolcha mootummaatiin aangoo qabate fi mormitoota isaa irratti tarkaanfii dhiiga dhangalaase milishoota raawwatan gargaaran jedhamuun himataman.

Mootummaan Tokkummaa Biyyaalessaa Miyanmaar bulchiinsa aangoo hin qabaanne fi mootummaa waraanaa biyya bulchaa jiruun seeraan ala ta’e, ajjeechaa gabaafame balaaleffateera.

Dubbi himaan waajjira pirezidaantii mootummaa tokkummaa biyyoolessaa Kyaw Zaw ergaa dabarsaniin Rooyitarsiif akka himanitti, “Baay’ee gaddeera, gara jabina juntaa jechoota ciccimoo ta’aniinan balaaleffadhaa, hawaasni addunyaa hojii gara jabina kana adabuu qaba." jedhan.

Kanneen ajjeefaman keessaa leellisaa dimokraasii beekamaa kan umuriin waggaa 53 Kyaw Min Yu, kan maqaa Jimmy jedhamuun beekaman, fi miseensa mana maree duraanii fi aartisitii gosa muuziqaa hip-hop jedhamuu kan umuriin waggaa 41 Phyo Zeya Thaw kan aangoo irraa kaafaman michuu itti dhiyoo hooggantuu Myanamar Aan Saan Suushii ta’uu gaazixaan Maynamaar kan the Global New Light jedhu gabaaseera.

Tokkummaa mootummootaatti barreessaa addaa kan dhimma Maaynamaar Tom Andrews, gootonni fi qabsaa’onni mirga namaa Maynamaar Juntaan ajjeefamuu isaaniitti hedduun gadde jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG