Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaala Meeriipol Qabannee Jirra: Putiin 


Humnoota waraana Raashiyaa deeggaran Kibba Meeriipol keessatti, EBla 21, 2022.
Humnoota waraana Raashiyaa deeggaran Kibba Meeriipol keessatti, EBla 21, 2022.

Kan marfamtee tuurte Magaalaan buufata Donii Yukreen Meeriipol, wal waraansa baatii lamaa booda biliisa ba’u ishee prezidaantiin Raashaa Vlaadmir Putiin labsanii jiru.Garu warshaan sibilaa magaalattii keessaa Azovstal jedhamu amma iyyu harka looltootaa fi siviiloota Yukreen keessa jiraachuu ibsan.

Warshaa kana haleeluu manna marsanii akka turan kan ajajan Putiin, titiisii illee seenuu akka hin dndeenyetti eegumsii jabaachuu qaba jedhan.Taajjabdonni waa’ee tarsiimoo akka jedhanti, kana gochuun humnootiin Raasahaa du’a irraa olchuun, looltootaa fi siviiloota Yukreen warshaa sana keessa jiran baleessuuf ta’a jedhanii amanu.

Gama kaaniin aangawoonni Yukreen akka jedhanti, awwaallii namoonni hedduun keessatti awwaalaman handaara magaala Mariipoolti argamee jira.Suuraan Maaksaar Teeknooloojii jedhamu biraa argamee fi kaampaaniin saatalaayitii Yunaaytid Isteetes fakkii inni kaase, magaala Maanhush keessaa awwaallii haaraan yoo xiqqaate 200 ta’an agarsisee jira.

Prezidaantiin Yukreen Volodmiir Zelenskii Kamiisa kaleessaa Baankii Addunyaaf akka himaniitti, biyyi isaantii ji’atti deggersa Doolaara Biliyoona 7 akka ishee barbaachiisu , kana malees weerara Raashaa irraa bayyanachuuf Doolaara Biliyoona dhiibba hedduu barbaaddi jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG