Niiw Yoork keessatti namoonni vaayrasii isa haraa Omiikiron jedhamuun qabaman inni tokko gara dhuma baatii Sadaasaa walgahiif gara Niiw yoork dhufee sana booda lafa jireenya isaa Minisootaatti eega deebi’ee booda qabamuun isaa beekame.
Isa malees jedhu aangawoonnii waa’ee fayyaa namoonni 5 kanneen dhukkuuba KOOVIID-19n qabaman vaayrasii haaraa kana qabaachuun isaanii qorannaa gaggeeffameen baramee jira.
Isaan kana keessaaa tokko nama dhiyeenya kana Afrikaa Kibbaatti imalee deebi’eeta’uun ibsameera.Amerikaan namnii vaayrasii haaraan qabamee tokko Kaaliforniyaa keessatti argamuu isaa eega gabaaftee guyyaa tokko booda kun immo dhaga’ame.