Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaa Koram Keessatti Hiriirri Nagaa Gaggeeffamee Jira


Naannoolee Tigraayii fi bulchiinsa naanoo Amaaraa daangeessan irratti rakkoon nageenyaa mul’ataa jiru kan isaan yaaddeesse ta’u jiraattonni magaalaa Koram ibsanii jiru. Gaaffiin eenyummaa kan keessatti ka’uu fi mootummaan Feedeeraalaa falmisiisoo jechuun naannoolee waamu keessaa tokko kan ta’e magaala Koramti uummanni hiriira nagaa kaleessa ba’e jira.

Jiraattonni kun miidhaan gargaarsa namoomaa fi qabeenyaa hamaan ituu hin dhaqqabiin dura Mootummaan Feedeeraalaa furmaata akka barbaadu gaafatan. Eenyummaan dhimma Deemookraasii otoo hin taanee mirga namoomaa uumamaan argamee ta’uun beekamee, mirgii keenya haa kabajamuu jedhu.Kana malees, wal waraansii haa ga’u, nagaan Itiyoophiyaaf, haaqnii uummata waflaaf kan jedhanii fi dhaadannoolee kanneen biroos hiriirtoonni kuma hedduun kun qabatanii turan.

Mootummaan Feedeeraalaa naannoo wal falmisiisoo jedhuufii bulchiinsii naannoo lamaan anaaf ta’u qaba jechuun gaaffii kaasan, Raayaa Alaamaaxaa fi naannoolee aanaalee Waflaatti rakkoon nageenyaa jiru nu yaaddeessa jedhu hiriirtoonni. Mootummaan Feedeeraalaa duula waraanaa marsaa biroof sochii taasiifaman akka dhaabsisuuf wal taasiistoota garee hiriira kana qopheessaa keessaa Obbo Efreem Haayiluu gaafataniiru.

Daangaa bulchiinsa naannoo Amaaraa fi Tigraay irratti gaaffii daangaa naannoolee gidduutti ka’u akka heera biyyattitti furmaata waaraa kennuuf sadarkaa guutuu biyyaatti koreen hundeeffamee hojjataa akka jiru mootummaan dhiyeenyatti beeksisee ture jechuun Masfiin Arraagee Dasee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG