Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchaa Magaalaa “Magaalaa Ukkee Keessatti Polisiin Federaalaa Rasaasaan Nama 6 Madeessee Kan Biraa Tokko Ajjesee”


Poolisii Federaala Itiyoophiyaa
Poolisii Federaala Itiyoophiyaa

Godinaa Wallagga Bahaa aanaa Guutoo Giddaa magaalaa Ukkee keessatti Kibxata kaleessaa fi Roobii har’aa poolisiin Federaalaa nama tokko ajjeesuu isaa fi kanneen biroo ja’a madeessuu isaa bulchiinsi magaalattii ibsee jira. Jiraataan magaalaa tokko akka ibsanti ittiin ka’uumsi dubbii kanaa torban darbee hogganni KFO magaalaa Naqamtee akka hin senne ittifamuu waliin kan wal qabatuu fi polisiin federaalaa magaalatti keessa buufate ba’e polisiin Oromiyaa haa bobba’uu ka jedhu ture.

Dargaggonni gaaffilee lamaan kana kaasan daandilee magaala ukkee guutummaatti waan cufaniif jecha polisiin Federaalaa Kibxata kaleessaa ajaja bulchinsa magaalaa diduun daandilee bansisuuf tarkaanfii fudhateen nama sadii rasaassan rukutee yeroo ammaa hospitaala Naqamteetti akka argaman ibsamee jira.

Roobii har’a immoo dargaggonni naanoo magaalaa Ukkee waliin wal daangeessu irraa sirbaa dhufan irratti dhukaasa banuun namni tokko ajjefamuu fi kanneen biroo 3 mada’anii wal’ansa sadarkaa duraaf magaalatti keessatti kennamaafii akka jiru bulchiinii magaalaa ibsee jira.

please wait

No media source currently available

0:00 0:10:26 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG