Makfuraa HaajiNuure Amerikaa Minisootaa jiraatti Amerikumatti guddatte. Minisootaa fi St. Paul keessaa oolmaa ijoollee qabdi.Oolmaan haawwaniilleen dhiyoottuu hujii jalqabaaf.
Oolmaan isiin ammaaf qabdu:
Arta Child Care Center
Future scholar’s child Care
Ahlan Child Care Center
Dream Home Health Care
Forever Friendship
Oolmaa ijjoollee keessaa nama haga 600 caalutti keessaa jetti.
Warrii asi keessa oolu ijoolleen ji’a 6-ganna 12ti.Kaan warra humna laafaati.
Dhaabbilee daldala akkanaa qaban ammoo irra deemtee barsiifti.Ammaaf hojjataa 105 qabdi namii oolmaa
Hujii tana ganna shaniin duratti jalqabde.Minisootaatti MSTC barattee daldalaan, business eebbifamte.
“Kooleejji irra bahee daarektea oolmaa daa’immanii tahee tahee hojjachaa ture.Ji’a sadii hojjadhee kiyya banadhaa,” jette.
Silaa barumsa narsii barachuu feete sun hin taaneef biraa deemte.Barumsa daldalaa kana garaan feeti dandeettiillee hin qabdi.
“Dandeettii tiyya argee business kanaaf dhaladhe ufin jedhe.”
Ijoolleen oolmaa Makfura keessaa oolan hagii guddaan ijoollee barnootaaf kutaa tokkoof kaasee barnootaaf qophaahan. Achumatti nyaatanii obsaan.
Achumatti leenjisanii kutaa tokkon gahan.
Jarii ijoolleen isaanii asi barattu maatii mootummaan gargaaru kaan ammoo warra horii ufii baasee baratu.
Makfuraan akka namii cuftii dandeettii fi fedhii ufii ufuma keessa barbaadu feeti. Akkas taanaan namuu waan baheef hinuma guuta jetti.
Risk hin sodaatin hin argatta ahin dhabdaa ufi jajjabeessi.“Wannii guddaan ani maan fedhan,maan tolchuu dandaha jedhani ufi ilalauu.Beekuu dhabuulleen dhiba hin qabdu,amala waan hin beenne wal irraa barannuu haa qabaannuu.”
Abbaan isii ,HaajiNuurheen amma lubbuun jirachuu baatullee ijoollee hedduu hore.Jaartii shan fuudhee ijoollee 33 qabu keessatti dhalatte isiin 29essoo.
Maatiin isaanii amma horuma horee 154 gahe gama gamatti faca’ee Kanaadaa, Masrii, US, Yemen,Norweey fi Oromiyaa jiraata jette.