Xurree ittiin seenan

Breaking News

Makiinaan Jimaata Dabre Godina Booranaa karaa Dubuluqi fi Goobsuu Jidduutti Gara Galee Nama 14 Fixee 59 Mammadeesse


Balaa makiinaa ardaa Qarsaa Boruu ganda Goobsoo keessatti gara gale kanaa nama 14 dhume
Balaa makiinaa ardaa Qarsaa Boruu ganda Goobsoo keessatti gara gale kanaa nama 14 dhume
Balaa makiinaa godina Booranaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:00 0:00
Xurree marsariitii

Namii balaa kanaan dhumate ka gabayaa Jimaataa Dubuluqi oolee galuutti jiru.Akka warrii lafaa jedhutti karaa godina kanaa irratti makiinaan yoma hedduu gara gala waan hedduutti gara galchallee.Namii balaa karaa Dubulqi irratti dhumate hagii tokko maatii.

Akka jaarsii makiinaa geejjibaa gara gale FSR sun keessaa ilma waliin yaabbatee jarii lachuu lubbun hafe amma hospitaala Yaaballootti akimachuutti jiru jedhetti makiinaan sun namaa fi kintaala haga 20 mi’a nama gabayaa galuu fa’atee deema.”

“Makiinaan sun jiireffachuuf [goruuf] jedhee gara galee nama fixe.Hagoodatti na tumame,ilma kiyya miilaatti cabee amma dansaa ilmii kiyyalleen dansaa nagumaan jirra.”

Obboo Mohaammad Galgaloo Dubuluqi jiraata. Makiinaan kun nama haga 60 irratti mi’allee fa’atee adoo deemuu gara galee jedha.

Naannoo tanatti makiinaan torbaatti akkanuma gara gala tirfaafikii baanan hin arginuu jedhe.

“Amalii shifeerotaa waan akka himaniin hin qabu,waan silaa seeri tolchuu hin malle;caatii nyaachaa, bilbilaan dubbachaa,kiniina humna namaa kennu liqimsanii makiinaa oofan.Mootummaan waan tokko jechuu malee jedha.”

Obboo Moluu Diimaa, itti gaafatamaa bulchiinsa hospitaala Yaaballooti.Namii kanaan madaahee hospitaala kanaan dhufan 59 kana keessaa 22 madaa didiqqoo wallaananiinii hospitaalaa baasan,ka madaa hamaamtuu oli dabarsanii kaan asuma Yaaballotti wallaanamuutti jiranii jeda.“Walumattu nama 14 balaan kanaan lubbuu dhabe.”

Balaan makiinaa akkanaa naannoo Oromiyaa keessatti guddaa nama hedduutti irratti lubbuu dhaba.haga dabraa oli fahanii oofuulleen rakkoolee nama fixaa keessaa haga tokko.

Seerii balaa tiraafikii balaa akkanaatiin tohatan maan jedha?Akkuma seeraatti ittiin hojjachuutti jiranii moo hin jiranii egerii itti deebina.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG