Xurree ittiin seenan

Breaking News

Malaamaltummaa Afrikaa keessaa Faccisuu Irratti Mariin Fulleeffate Gaggeefamee Jira


Bostswaanaan walgahii farra malaamaltummaa irratti dubbatu Waxabajjii 13 fi 14 keessummeessaa jirti.Kunis gamtaa Afrikaa fi jaarmayaa maallaqa addunyaan kan gaggeeffamu ta’uun ibsamee jira.Jaarmayaan maallaqa addunyaa keessatti itti aanaa bulchaa kan ta’an Antooneet sayeh akka jedhanti, weerarrii dhukkuuba KOOVIID- 19 bulchiinsa gaariin akka barbaachisu hubachisee jira.

Malaamaltummaan yeroo dheeraaf rakkoo ta’uun isaa dhugaa dha. Har’a garu weerara dhukkuuba KOOVID-19 dabalatee lama ta’e dhufuun, wal waraansa Yukreen keessaa, jijjiirama qilleensaa fi haala nageenyaa kutaa saahil keessaa ennaa ilaalluu, bulchiinsa gaarii argamsisuun dhimma akkaan barbaachisaa fi hatattamaan ta’u qabu akka ta’e hubanna jedhan.

Sayeeh akka jedhanti biyyonni dinagdee jabaa qaban rakkoo haaraa mudatee kanaaf deebii gaarii kennuu isaanii fi bayyanachuu isaaniif qopha’aa jiru jedhan.

Jaarmayaan isaaniis yeroo weerara kooviid kanatti itti gaafatamuummaan akka jiraatu gochuuf akkasumas malaamaltummaa faccisuuf yaalii isaa dabaluu ibsan.

Hogganoonni biyyoota Afrikaa bara 2018 keessa malaa maltummaa faccisuuf waadaa kan seenan ta’uus biyyonni Afrikaa uffee sahaaraa gadii amma iyyu gama Kanaan qabxiin galeesiisan kutaa sana akeessatti gad bu’a ta’e jira jechuun qorannaan gaggeeffame agarsisee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG