Xurree ittiin seenan

Breaking News

Malaammaltumman biyyoota kam keessatti hammaatee jira?


Suraa kaartaa addunyaa Traanspaarensii Inttenaashinal irraa fudhatame
Suraa kaartaa addunyaa Traanspaarensii Inttenaashinal irraa fudhatame

Ityoophiyaan qabxii 37n sadarkaa 99ffaa irra jirti.

Seeycheels biyyoota Afrikaa hudumaa keessaa biyya malaammaltummaa xiqqaan keessatti mullate yeroo taatu Kaaboo Verdee, Bootswaanaa fi Ruwaandaan immoo itti aansanii akka jiran gabaasni bara kana Dhabbanni Traanispaarensii Internaashinaal baase agarsiiseera.

Ityoophiyaan qabxii 37n sadarkaa 99ffaa irra jirti, kunis qabxii bara darbee wajjin tokkuma.

Biyyoonni Afrikaa malaammaltummaan keessatti hammate immoo Saawuz Sudaan, Somaaliyaa, Liibiyaa, Ertiraa fi Ekwaatooriyaal Giinii ta’uu gabaasni haaran bahe kun mulliseera. Ertiraan gabaasa bara 2023 baheen walitti yeroo laallamu sadarkaan malaammaltummaa biyyittii keessaa qabxii sadeetin caalaa hammaate.

Akka addunyaatti Denmaark qabxii 90 galmeessisuudhan biyya malaammaltummaa xiqqaan keessa jiru ta’uutu gabaafame. Finlaandi (88) fi Singaapoor (84) itti aanaanii biyyoota malaamalumma xinnaa qabani. Yunaaytid Isteets qabxii 65 galmeessisuudhann tarree biyyoota addunyaa keessaa sadarkaa 28ffaa irratti argamti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG