Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mallatto "X" Falmii inni Uume


Nama ykn paartii filatan agarsisuuf mallattoo " x" gargaaramuun dogoggorsaa ta'u Medrek ibsaa jira. Bordiin filannoo kan Itiyoophiyaa garu mallattoon kun sadarkaa adunyaatti iyyu beekamaa dha, jechuun falma.

Kaardii ittiin sagalee kennan irratti Mallattoo " x " kaadhimamaa filachuu fedhaniif gargaaramuun uummata giddutti dogoggora uumaa jira, jechun paartileen Oromoo gamtaa MEDREK keessa jiran iyyatanii jiran. Obbo Bulchaa Dammaqsaa paartii WAFIDO irraa akka jedhanitti, ADWAUIn waan jibbamuuf uummanni mallatto " x " akka isaaf kennuu gaafachuun uummaticha gowwomsaa jira. Kanaaf jecha kan isaan akka uummanni paartii ykn nama filachuu barbaadu cinatti mallatto " x " kaa’u gaafatan.

Paartii Kongreessa Uummata Oromoo irraa Obbo OLbaanaa Lellisaa gama isaaniin, “barattonni filannoo dhufu kana irratti sagalee akka hin kenninee ittisuuf jecha, sambataa, Dilbataa fi Wixata dhufuutti qormaanni barumsaa barattotaaf akka kennamu sagantessani jiru, kun immoo akka barattoonni guyyaa filannoo sana itti hin hirmaanne danqaa taha, jedhan. Kana malees, baratoota deggertoota ADWUI miti, jedhamun shakkaman harki 75 ol kaardii filannoo akka hin arganne taasifaman jedhu.

Itti gaafatamaan Hariiroo Alaa kan Komishina Filannoo Itoophiyaa, Obbo Mohammad Abduraahmaan, “Mallattoon ‘x’ kan sadarkaa adunyaatti biyyoonni dimokratawoo ta'an itti gargaaraman waan ta'eef, uummanni biyya keenyaa ni dogoggora jechuun uummaticha ija tuffiin ilaaluu dha, jechun falman.

Mooraalee Yuniversitiwwanii fi kan waraanaa keessatti wiirtuu filannoo addaa qopha'anii keessatti hoijiin sagalee kennu kun akka geggeessamu ibsan, Obbo Mohammed.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG