Xurree ittiin seenan

Breaking News

Benishaangul Gumuz Keessatti Namoonni 98 Murtii Malee Gara Waggaa Lamaaf Hidhamuu Dubbatu, Maatiiwwan Isaanii Keessaa 


Faayilii - Mana Hidhaa masaraa Kumsaa Morodaa keessaa, naqamtee

Naannoo Benishaangul Gumuz Godina Asoosaatti, “Jeequmsa kaastan” sababaa jedhuun namootni 98 eega hidhamanii waggaa tokkoofi baatii 10 darbus, murtii seeraa hin arganne ykn bilisa jedhamanii hin gadhiifamne,” jedhu, maatii fi firoota keessaa kanneen VOAtti dubbatan.

Pireezidaantiin Mana-murtii Waliigalaa Naannoo Benishaangul Gumuz, Obbo Abdiisaa Waasee, “Vaayirasiin Koroonaa Itoophiyaatti mullachuu hordofee akka dhimma namoota komii dhiyeessanii ilaaluun hin danda’amne,” jedhan.

Waajjira Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaatti, Itti Gaafatamaan Qorannoo Yakka Qindaa’aa fi Daangaa Cehuu Obbo Fiqaaduu Tsaggaa immoo “namootni yakkaan shakkaman hedduu waan tahaniif murtoo itti kennisiisuun yeroo fudhata,” jedhan.

Torban dhufu keessa dhaddachi naannawaa gara Asoosaatti waan imaluuf dhimmicha ilaaluu itti fufuuf akka Abbaa alangaatti qophii gochaa jirra, jechuun ibsan.

Benishaangul Gumuz Keessatti Namoonni 98 Murtii Malee Gara Waggaa Lamaaf Hidhamuu Dubbatu, Maatiiwwan Isaanii Keessaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:55 0:00


Yaadawwan Ilaali

XS
SM
MD
LG