Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Mootummaa Haaraa Hundeessuuf Jirti


Mana maree bakka bu'oota Itiyoopiuyaa
Mana maree bakka bu'oota Itiyoopiuyaa

Fuulbaana 24 bara 20214 mootummaa haaraan kan hundeeffamu ta’uu manni marii bakka bu’ootaa kan Itiyoophiyaa ibsee jira. Kanaafis bifa ammaayyaan gaggeessuuf akka danda’amuutti maanuwaalii qajeelfamaa gargaaruu qopheessuu isaa beeksiise.

Af yaa’iin mana maree bakka bu’oota uummataa Obbo Taaggasaa Caafoo qophii kanaaf gaggefefamaa jiru kan ilaaleen ibsa kan kennan yoo ta’u, akka heera biyyattitti dhuma baatii Fulbaanaa guyyaa Wiixata jiru irratti kun gaggeeffama.

Waxabajjii 14 bara 2013 filannoo gaggefefamee irraa ba’ii filannoo argamee irratti hundaa’uun, haallii itti gaggeefamuuf deemsii seeraa akka jiruus ibsan.

Kanaan cinattis manni marii kun akkaataan hojii gaggeeffamuu bifa ammayyaa akka qabaatuu gochuuf akkaataa hojii irratti oolchan qophaa’uun ibsamee jira.Gama kaaniin manni maree kun sirna hordoffii fi to’annaa bifa ammayyaa akka qabaatu gochuuf caasaan dandeesisuu qophaa’uun ibsamee jira.Kanaafis qiyyaafannaan mootummaa adda kan baasee sirnii jabaa fi to’annaa jabaa qabu akka hojii irra ooluu dubbatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG